Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi bishaan jala daakuun FBI jalaa miliquu yaale qabame
Namichi Kaaliforniyaa Matthew Piercey yakka diinagdeen himatame, Wiixata FBI to’annoo jala isa olchuuf yemmuu yaalanitti yeroof miliqee ture.
Jalqaba konkolaataan erga baqatee booda iskuutara bishaanii ykn motora galaanaa qabatee haroo jala daakaa, qondaaltota FBI jalaa dhokate.
Qondaaltonni gara daqiiqaa 25f yeroo bishaan jalaa koqi (bubble) isaa ol ba’u callisanii ilaalanii booda, yeroo inni ol ba’u to’annoo jala isa oolchaniiru.
Mana amantaa naannoo isaatti hanna gowwomsaa doolara miiliyoona 35 raawwachuu isaatiin himatame.
Iskuutariin galaanaa, meeshaa daakaa mootara qabu kan nama uffata cillimsoo uffatee gara bishaan jalatti gadi oofuu danda’anidha.
Qandaaltonni akka jedhanitti, yeroo isaa Pirsiin to’annoo jala olchuuf jedhanitti, konkolaataan si’a lama daandirraa kaatee oofuun baqate. Boodarra haroo magaalaa Reedingi bira jiru keessa mootora kana qabatee yeroo utaalu argame.
Poolisoonni boodarra akka bira gahanitti, moodeeliin motora namni kun itti fayyadame Yamaha 350Li, kan jedhamtu oggaa taatu, bishaan jalatti sa'aatii tokkotti km 6.5 saffisuu dandeessi. Gadi fageenya taakkuu 100 gadi lixuu dandeessi.
''Namni tokko yeroo FBI’n adamsamu sammuun isaa maal akka yaadu baruu hin dandeessu,” jedha abukatoon namoota yakka Piirsiin itti himatamen miidhaman bakka bu’u Joosh Koons.
''Nuti qorannoo itti fufnee, har’ammoo kunoo akka tasaa meeshaa cillimsoo qabatee haroo keessatti miliquu yaale.''
Erga Piirsii bishaan jalaa ol ba’ee booda, ogeeyyiin fayyummaa isaa ilaalanii, uffata haadha warraa isaarraa fuudhan kennuufi isaanii, marsariitiin Oduu Sacramento Bee gabaaseeera.
Qorattoonni akka jedhanitti inni fi waayilli isaa Keenet Wiinton, dhaabbata isaanii keessatti fandii invast godhame, baasii ofii isaaniif fayyadamanii fi maallaqa xiqqoo hafe immoo maamiltootaaf deebisani.
Pirsii yakka daddabarsa maallaqa seeraan alaa, gowwomsaa maallaqa erguu fi akkasumas sobaan nama ragaa ba’uuf qopheessuun himatamee hidhaan wagga 20 irratti murtaa’uu danda’a.
Abbootiin alangaa dabalataaniis balallii irraa akka dhorkamus gaafataniiru.