Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Deeggarsa Tiraampif kan walitti qabamerraa doolaarri Mil 2.3 hatame
Paartiin Rippaabilikanotaa bulchiinsa US Wiskonsin doolaara Ameerikaa Mil 2.3 gartuu pirezedant Doonaald Tiraamp deebi’ee akka filamuuf tumsuu jalaa karaa intarneetii cabsanii seenuun hatan.
Paartichi FBI fi qaamolee dhimmicha qoratanitti odeeffannicha himuu, hojii gaggeessaan paartichaa Andiriw Hiit Kamisa Asoosheetid Pireesitti himaniiru.
Aab Hiit namoonni karaa karaa intarneetiin seenanii maallaqa hatan kun dokimentii kaffaltii duula filannoo to’achuun fandii maallaqichaa hatan.
Bulchiiinsi Wiskansan iddoo Tiraamp filannoo bara 2016 irratti garaagarummaa xiqqoon iddoo itti injifate yoo taatu, filannoo pirezedantummaa dhufaa jiruuf kutaa Ameerikaa murteessituudha.
Kaffaltiin paartichi baasii gochuu tures sababa kanaan gufateera.
Hattoonni kun jalqabumayyuu burjaajii uumuu yaalaa turanii jedhame. Dubbi himaan Paartichaa ragaaleen biroo akka hin hatamne himaniiru.
Maallaqni miliyoonaan lakka’amu kun garuu herreega baankii Rippaabilikaanota Wiskonsiin keessaa hatame.
Gabaasaan BBC nageenyaa Saayibari Joo Tiidii akka jedhutti, nageenyummaan odeeffannoo cimuun haleellaan saayibarii filannoo Ameerikaarratti dhibbaa qaqqabsiisu akka hin jiraanne wayita hordofamaa jirutti qaqqabusaa kaase.
Haleellaan akkasii tarii maqaa namoota hedduu tarreeffameerratti kan qaqqabe miti ta’a jedha.