Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wantoonni faayaafi bareedinaaf oolan 'laggeen miidhuu malu' jedhe qorannoon
Saayintistoonni bilillicii kosmotiksiifi qaamarra bareedinaaf tolchan laggeeniifi haroo miidhuu akka danda'u ragaa argachuu isaanii ibsan.
Bililliciin dafee baakteeriyaan nyaatamee biyyootti geeddaramullee isa hin nyaatamnerraa wanti adda isa taasisu hin jiru jechuun ibsaniiru.
Bililliciin yookiin Afaan Ingiliziin 'glitter' jedhamu of keessatti maayikiroopilaastikii qaba. Kunneenis, laggeeniifi harootti yaa'un osoo biyyeetti hin jijjiiramin waggaa dheeraa turu jedhan.
Sababuma kanaan waggaa darbe saayintistoonni itti fayyadamni bilillicii akka hafu waamicha taasisanii turan.
Kanneen qorannoo kana gaggeessan akka jedhanitti balaa bililliciin dhiibbaa lubbuu qabeeyyii laggeeniifi haroorra gahe qoratanii bira gahu ibsaniiru.
Qorannoo laaboraatorii keessa gaggeeffameen biliilliciin biqiltoota xixiqqoo bishaan keessa biqilan akkasumas algee miidhuu isaa hubachuu isaanii qorattoonni ibsaniiru.
Yunivarsiitii Angiliyaa Raskinitti barsiisaan Baayolojii Dr Daaniyellee Giriin BBC 'tti akka himanitti wanti bareedinaaf namoonni fayyadaman miidhaas qaba.
''Bililliciin gosa maayikiropilaastikiiti. Akkuma gosa maayikiroopilaastikii biroo rakkoo qaba. Baay'inaan gadhiifamuu hin qabu,'' jechuun himan.
''Yoo namoonni bareedinaaf godhatan dhiqachuurra ofirraa haqanii kosii keessa gatuu wayya,'' jechuun bishaan keessa gadhiifamuu akka hin qabne dhaaman.
Kana dura oomisha bilillicii akka dafee biyyoon nyaatamuufi qilleensa hin faalle yaaliin taasifameera.
Inni tokko akka balaqqisuuf aluminiyeemii fayyadamuun irra keessa pilaastikiin itti dabalama.
Inni kaan immoo gara caalu kosmotiksii yookiin bareedinaaf kan ooludha.
Qorannoo taasifame
Dhiibbaa bilillicii qorachuuf qorattoonni bishaan, cirracha akkasumas biqiltoota laga Gilaaven bakka Noorfolk biyya Ingilizii argamu keessaa walitti qabani.
Achiis bishaan keessas bilillicii gosa jaha itti naqani. Wanti kunis baay'ina algee dabalatee xiqqeesse.
Qorannoon kuni gara caalu baay'inni bilillicii konsartii muuziqaa yookiin hiriira mormiirratti ooluurratti xiyyeeffate.
Dhiibbaan bililliciin biqiltootaafi ciilalluurratti qabu guyyoota 36 booda mul'ate jedhan.
Gaafa yeroon kanarra dheerate wanti ta'uu danda'u garuu hin beekamne.
Qorannoon kuni barruu Hazardous Materials jedhamuurratti bahe.