Qaama miidhamuun kaan gargaarurraa kan ishee hin hambisne Meeroon

Ibsa waa'ee viidiyoo, Qaama miidhamuun kaan gargaarurraa kan ishee hin hambisne Meeroon
Maxxanfame

Meeroon Tasfaay rakkoon narvii ijoollummaatti ishee mudate, qaamashee akka barbaaddutti akka hin ajajne ishee daangeessa.

Haala kana keessa otoo jirtuu barnootashee haga digirii lammaffaan geesseetti.

Kaan gargaaruu kaayyooshee kan godhatte Meeroon, qaroo-dhabeeyyiif hoteela galanii nyaata filachuuf akka hin rakkanne jechuun, bireeliidhaan meenuu nyaataa qopheessite.

Imalashee akkasiin nuuf qooddee jirti.