DR Koongootti hidhamtoonni hanqina nyaataatiin du’aa jiru

Madda suuraa, Reuters
Manneen hidhaa DR Koongotti hidhamtoonni sababa hanqinna nyaataa du’aa jru jedhame.
Dhiheenya kanatti dargaggoon Muunoo Leembiisaa jedhamu mana amala sirreessaa Seentiraal Piriizin jedhamee beekamutti sababa hanqinna nyaataatiin du’uusaa daayirektarri mana amala sirreessichaa Rooyitarsitti himaniiru.
Dargaggeessi kunis hidhamtoota mana amala sirreessaa Seentiraal Piriiz jedhamu kan Buuniyaa keessatti argamutti du’an keessa isa tokkodha.
Daayirektarri mana amala sirreessichaas dargaggeessa kana namni nyaata alaa fidee gaafatu waan hin jirreef sababa hanqinna nyaataatiin du’uusaa dubbataniiru.
Ji’oota 10 darban keessatti mana amala sirreessaa Buuniyaa keessatti hidhamtoonni 50 ol sababa hanqinna nyaataa du’uusaanii Mootummoota Gamtooman wabeeffachuun Rooyitarsi gabaaseera.
Manneen amala sirreessaa DR Koongoo keessatti argaman hidhamtootaa guutumuusaanii cinatto hidhamtootaaf nyaata gahaa hin dhiheessan.
Dargaggoon dhiheenya kana hanqinna nyaataatiin du’e yakka gudeediitiin yakkamaadha jedhamee hidhaan waggaa tokkoorratti murtaa’ee ture.
“Murteen irratti darbe haalan isa dallansiiseera. Kanaanis ulfaatinnasaa saffisaan hir’achuu jalqabe” hiriyaansaa mana amala sirreessaa jiru Deevid Ilooppaa Rooyitasritti himeera.
“Yaadoo fi beelli akka haamaatti isa miidhee ture” jechuun hidhamaan biraa Deetisuviisii Elii jedhamu dubbateera.
Daayirektarri mana amala sirreessaa Buniiyaa Seentiraal Kamiilee Inzoozii dargaggeessi kun sababa hanqinna nyaataa du’uusaa dubbataniiru.
“Murteerratti dabarfame qofa miti kan isa miidhe. Hanqinni nyaataa sababa isa biraati. Hidhamtoonni alaa nama isaa gaafatu hin qabne nyaata mana amala sirreessaa qofadha kan argatan,” jechuun dubbatu.
Hidhamtoonni mana amala sirreessaa akka jedhanitti hidhamtoonni nama alaa isaan dhufee gaafatu hin qabne guyyatti yoo guddate al tokko qofa nyaata nyaatu jedhaniiru.
Manni amala sirreessaa hidhamtoota 250’f ijaarame yeroo ammaa kanatti hidhamtoota 1,500 of keessatti argamu.
Ministeerri mirga namummaa biyyattii Andiree Laayit “bulchiinsa manneen hidhaa fooyyessuuf hojiin guddaan hojjatamuu qaba” jedhaniiru.
Manneen amala sirreessaa DR Koongoo keessatti hanqinni nyaataa mudachuun waan haaraa akka hin taane kan dubbatan ammoo qorataa Humaan Raayitis Waachi Toomaas Reeyisidha.
“Osoo deeggarsi Bataskaanotaa, dhaabbilee tola ooltummaa akkasumas tola ooltotaa jiraachuu baatee hidhamtoonni manneen amala sirreessaa jiran nyaata argachuu hin danda’an ture” jedhan.














