Naannoo Somaaleetti dhukkubsataan sammuu maatii tokko keessaa afur ajjeesee, shan madeesse

Maxxanfame

Itoophiyaa Naannoo Somaaleetti, dhukkubsataan dhibee sammuu miseensota maatii tokko keessaa afur qottoon ajjeesuun, daa’imman shan madeesse.

Haleellaan kun kan qaqqabe Godina Faafan, Aanaa Harshiinitti kan argamtu ganda baadiyyaa tokkotti wayita tahu, namni poolisoonnifi ogeeyyiin fayyaa dhukkubsataa sammuuti namni jedhan, mana maatii nama sagal qabu keessa guyyaa Roobii seenuun haleellaa irraan gaheera jedhame.

Haatii, abbaa fi ijoollee isaanii lama miidhaa irra gaheen wajjin lubbuu dhaban.

Daa’imman madaa’an shanan hospitalaa Jigjigaa geeffamanii wal’aanamaa jiru, garuu miidha irraa gaheen haala lubbuu isaaniif yaaddessu keessa jiraachuu gaazexeessaan BBC Afaan Somaalee Abdurrahamaan Adoo hospitaalaarraa odeeffannoo argachuu himeera.

Maatii miseensota sagal qabutti dhukkubsataan goree miidhaa qaqqabsiise kun, lubbuu baasuun dura gajaraa baatee deemaa akka ture ragaan poolisiirraa argame kan agarsiisu.

Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

Namoota miidhaan irra gahe sammuu, garaa fi qaamasaanii biroorra miidhaa cimaatu irra qaqqabe.

Namtichi miidhaa qaqqabsiise battaluma sana otoo miliquuf yaaluu, poolisiin qabeera. Ammatti magaalaa Jigjigaatti to’annoo poolisii jala jira.

Poolisonni namtichi seeratti dhiyeessuuf qorannoo eegaluusaanii kaasan. Namtichi balaa qaqqabsiise kun dhukkubsataa dhibee sammuu ta’uusaa ogeeyyiin fayyaas mirkaneessaniiru.

Sana dura magaalaa Harar fi Jigjigaatti wal’anaamaa ture. Yeroo tokko itti hammaatee cancalaanillee hidhamee ture jedhameera.

Wayyaa’ee miidhaa namarraan hin gahu jedhamee gadhiifame ture.

Balaan kun akkamitti qaqqabe?

Dhukkubsataan dhibee sammuu kun miidhamtoota kanniin wajjin firooma dhiigaa dhiyoo qabu. Qalbii dhabuun isaas hawaasa aanaa Harshiin biratti ni beekama ture.

Balaan kun akka qaqqabuuf ka’umsa kan ta’ellee firooma dhiiga qabaachuu isaanitiin walqabata.

Firooma dhiigaa waan qabaniif namni isaan miidhe kun wayita gara qe'ee isaanii dhaqu waan nyaatuufi dhugu kennaafi turanis jedhame.

Miidhaa kana nurraan gaha jedhanii maatiin kun hin bir’anne ture.

Poolisiin silaa maatiin kun of eeggatu ture, balaa hamtuun akkasii irra hin qaqqabu ture jedheera.