Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weerara Covid-19: Ayyaanni Damaraa, Masqalaa akkamiin kabajama?
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Ayyaanni Damaraa kan Ayyaana Masqalaa bara 2013 osoo sirnaaleen amantii keessaa hin hafin akka kabajamu ibsite.
Ayyaanni Damaraa yookiin gubaa Masqalaa Sambata dhufu ALI Fulbaana 16, 2013 magaalaa Finfinneefi guutuu biyyaatti kabajama.
Miseensi koree Ayyaana Damaraa Masqalaa bataskaanattii kan ta'an Maggaabee Salaam Salamoon Tolchaa, Finfinnetti hordoftoonni amantichaa hedduun ayyaanicharratti bakki argamanii itti kabajan, addabaabayiin Masqalaa, ijaarsarra ta'uusaatiin wantoonni hafan akka jiran ibsaniiru.
Ta'us, ayyaanni UNESCO'tti galmaa'e, turistoota hedduu hawwatuufi kumaatamni irratti hirmaatan kuni barana [2013]sababoota garaa garaan namoonni akka durii baay'atanii akka hin kabajamne akka taasifamu ibsameera.
Hordoftoonni amantichaa ayyaanicha kabajan hamma ta'een hir'atuusaanii kan ibsan Maggaabee Salaam; bakkichi ijaarsarra jiraachuusaatiifi meeshaaleen ijaarsaa bakkichatti argamuusaanii akkasumas weerarri koronaavaayirasii sababa ijoo ta'uusaanii himaniiru.
Fulbaana 16'tti hordoftoonni amantichaa fi namoonni ayyaanicha kabajan 5,000 kan hin caalleefi waraqaan seensaa 3,000-5,000 akka maxxanfaman BBC'tti himaniiru.
Bataskaanattiin qaamolee nageenyaa waliin ta'uun keessumoota kabajaa akkasumas hordoftoota amantichaa, faarfattoota fi kaaniif baajii akka qopheessitu mirkaneessiteetti.
Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti hogganaa qajeelcha lallaba wangeelaa kan ta'an Maggaabee Salaam, ayyaana Masqalaa bara 2013 kabajuuf wantoonni rakkoo ta'an sadi jechuun himu.
Inni duraa fi ijoon weerara koronaavaayirasii yoo ta'u, kanarraa kan ka'e hordoftoonni amantichaa fageenyasaanii eeggachuun ayyaanicha kabajuu akka danda'an dubbataniiru.
Inni lammaffaan ammoo dhimma nageenyaati; qamooleen nageenya mootummaa ayyaanichi rakkoo tokko malee akka kabajamuuf koree ayyaanaa Bataskaanittii waliin akka hojjatan ibsaniiru.
Sadaffaan ammo addabaabayiin Masqalaa ijaarsarra jiraachuusaa yaadachiisuun; lakkoofsa namoota ayyaanicharratti argamanitu hir'ata malee sirnaalee amantichaa osoo hin hir'atanii akka kabajamu BBC'f mirkaneessaniiru.
Akkuma kana duraa abootiin amantaa, Paatiriyaarkii dabalatee kabaja ayyaanichaarratti ni argamu jedhaniiru.
Weerara Covid-19 ilaalchisee ergaawwan Ministeerri Fayyaa kenne hojiirra akka oolan kan himan Maggaabee Salaam; maaskii godhachuu akkasumas fageenya eeggachuun hojiirra akka oolfaman eeraniiru.
Asiin dura abbootiin amantaa, Kantiibaa I/Aantuu magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fi qaamolee nageenyaa waliin ta'uun addabaabayii Masqalaatti daawwannaa taasisuusaniiru.
Kanaanis, keessummoonni eessa biraan akka keessummeeffaman, faarfattoonni eessa biraan akka faarfatan akkasumas damaraan akkamitti akka taasifamurratti qorannoon taasifamuusaa ibsaniiru.
Kabajni ayyaana Masqalaa UNSECO'tti kan galmaa'e koonfiraansii Aazarbaajiyaanitti taasifameen.
Sababa weerara koronaavaayirasiin lakkoofsi namoota vaayirasichaan Itoophiyaatti qabamaniifi qorannoon mirkanaa'e kuma 70,000'tti kan dhihaate yoo ta'u 1,000 ol lubbuu dhabaniiru.