'Bishaan hara Haramaayaa deebi’us yaaddoo gogiinsaarraa bilisa miti'-Ogeeyyii

Madda suuraa, Sentinel Hub and European Space Agency (ESA)
Harri Haramaayaa bal’ina lafaa qaburraa yeroo ammaa dhibbeentaa 61 ol bishaanin uwwifamee akka jiru ogeeyyin ni himu.
Tibbana deebi’uun bishaan hara Haromaayaa jiraattota naannoo harichaaf gammachuu guddaa uumera.
“Dhugaa himuuf bishaan Haramaayaa dhabamuu isaatiin akka haadhaaf abbaan irraa du’etti nutti dhagahamee ture” kan jedhu jiraataan magaala Haromaayaa dargaggoo Iskindir Yuusuf Umar, akka yeroo ijoolummaasaa hara Haramaayaa irratti bashaanuf bidiruu tolfachaa akka jiru BBCti himeera.
Ogeeyyin hara Haramaayaa dhiyeenyatti hordofan garuu deebi’uun hara Haramaayaa yaaddoo deebi’ee gogurraa bilisa akka hin taane himu.
Deebi’uun hara Haramaayaa inni ammaa isa jalqabaatii?
Roobni ganna baranaa akkuma biyyaatti cimaa ta’uusaa kan himan Yunivarsiitii Haramaayaatti gargaaraan proofeesaraa fi mahaandisni haaydiroliksii fi qabeenya bishaanii Dr. Injinar Tashoomaa Suyyum, naannoo hara Haramaayaattis bara kana roobni baay’ee waan roobef haroon Haramaayaa bishaan qabachuusaa himu.
Haata’u malee, harri Haramaayaa waggoota digdama dura erga gogee as bifa kanaan bishaan yeroo itti kuufamu kun isa jalqabaa miti.
Harri Haramaayaa waggoota lama duras bifa walfakkaatun bishaan qabatee ture.
Haa ta’u malee bishaan qabatee turuu hin dandeenye ture.Kanaaf sababni immoo “qonnaan bulaan naannoo sanaa jallisiif bishaan baay’ee fayyadamaa ture.

Madda suuraa, Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Harar
Boolli gadi fagoo bishaan dhugaatii naannoo Harariif qotames baay’ee dha. Kanaaf bishaan haroo keessa seene fi kan uummatni fayyadamaa ture garaagarummaa guddaa waan qabuf deebi’ee goge” jedhu Dr. Injinar Tashoomaa Suyyum.
Dhimma seera itti fayyadama bishaanii…
Gogiinsa hara Haramaayaa mudataa jiruf rakkoon inni tokko seerri bulchiinsa fi itti fayyadama bishaanii dhabamuu akka ta’e Yunivarsiitii Haramaayaatti gargaaraa proofeesaraa fi mahaandisni haaydiroliksii fi qabeenya bishaanii Dr. Injinar Tashooma Suyyum himu.
Itti fayyadamni bishaanii jiraattota naannoo hara Haramayaa rakkoo akka qabu kan himan Dr. Injinar Tashooma, “bishaan gara haraa galu fi kan uummatni fayyadamu wal hin madaalu.Bishaan seenu xiqqaa dha. Uummatni garuu jallisiifis dhugaatiifis kan fayyadamu baay’ee waan turef bishaan kuufamuu hin dandeenye ture” jedhan.
Hammeentaan bishaanii Haroon Haramaayaa yeroo ammaa qabatee jiru guddaa ta’uusaa himuunis bishaan kun haricha keessatti akka turu kan barbaadamu yoo ta’e itti fayyadama bishaanichaa irratti seerri bahu akka qabu himu.
“Bishaan hangamtu waggaa tokko keessatti haricha seene, uummanimmoo hagam fayyadama kan jedhu madaallii bishaanii ‘water balance’ ilaaluun barbaachisaadha.
Haata’u malee, qonnaan bultootni naannoo sanaa bishaan kuufame mara jallisiif kan fayyadaman yoo ta’e turmaata harichaa gaafii keessa galcha” jedhu.
Kana raawwachuufis qaamni itti gaafatamummaa fudhatee hojjetu jiraachuu akka qabu Dr. Injinar Tashooma Suyyum dubbatu.
Kanaan dura seera itti fayyadama bishaanii irratti mari’atamee akka ture eerunis “haalli marii sanarratti deemame sirrii miti.
Seerri tokko wayita tumamu uummata walin mari’atamuu qaba. Warra ogeessaa qofa mariisisuun bu’aa hin qabu” jedhu.
Dabalataan seerri itti fayyadama bishaanii erga tumamee boodas “dokumantii irratti akka taa’uf osoo hin taanee hojiirra ooluu qaba” jechuunis himu.

Madda suuraa, Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Harar
Hara Haramaayaa tursiisuf maal ta’uu qaba?
Hojiilee jallisii qonnaan bultootni naannichaa hojjetaniin qisaasni bishaanii guddaa akka jiru ogeeyyin bishaanii himu.
Kanaaf qonnnaan bultootni tekonooloojiiwwan jallisii bishaan qusatan akka fayyadamanif uummata barsiisuu fi dammaqsuun ummatni qaama furmaataa ta’uu akka qabu himu.
“Haroon kun abbaa qabaachuu baannaan ammas deebi’ee ni goga. Kuni beekkamuu qaba” jedhu Dr. Injinar Tashooma Suyyum.
Kana malees harri Haramaayaa daangaa kan hin qabne yemmuu ta’u itti fufiinsa harichaaf harichi daangeffamee uummatni seeraan itti fayyadamuu qaba jechuunis himu.
Gama biraatin haroon Haramaayaa lubbuu horatee akka turuf hojiin misooma sululaa barbaachisaa dha.
Biyyee dhiqamee hara Haramaayaa seenu to’achuu fi bishaan yaa’a isaa eeggatee gara harichaa akka seenu taasisuuf misoomni sululaa lafa hektaara 15,000 ta’u irratti hojjetamuu akka qabu ogeeyyiin himu.
Haa ta’u malee hojiin misooma sululaa hojjetame quubsaa akka hin taane Yunivarsiitii Haramaayaatti gargaaraa proofeesaraa fi mahaandisni haaydiroliksii fi qabeenya bishaanii Dr. Injinar Tashooma Suyyum himu.
Kana malees hojiin dhaabbii fi kunuunsa biqiltuu itti fufiinsaan hojjetamuu akka qabus himu.
“Daangaa haroo irrattis biyyeen dhiqamee akka hin seennef marga dhaabu irratti hojjechuunis baay’ee murteessaadha” jedhu.
Balfi gara harichaatti gatamus rakkoo akka ta’ee kan himan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosona fi Jijjiirama Qilleensaa godina Harargee Bahaatti qindeessaa garee to’annoo fi hordoffii eegumsa naannoo Obbo Abdulaziz Ahimad, hawaasni naannoo gochaa kanarraa of qusachuu akka qabu dhaamaniiru.















