Chaayinaan qisaasama nyaataa hambisuuf duula 'nyaata duguuganii nyaachuu' jalqabde

Maxxanfame

Chaayinaan qisaasama nyaataa hir’isuuf tarkaanfii fudhachaa jirti. Pireezidantiin biyyattii Shii Jiinpiing hangi nyaataa bade ‘kan nama rifaasisuufi yaaddessu dha,’ erga jedhaniin booda dha murtoon kun kan dhufe.

Pireezidantichi ‘’Covid-19 booda qisaasamni nyaataa hangam akka tahe barre" jedhan.

Lolaan torban muraasa dura kibba Chaayinaatti mudate oomisha toonii baayyee balleessuunis sababa biraa dha.

Dhaabbatni Oduu Chaayinaa hanqinni nyaataa biyyattii mudachuu danda’a waan jedhu xiyyeeffannoo guddaa hin kennineef.

Inumaayyuu TVn mootummaa biroo warreen nyaata baayyee nyaachaa miidiyaalee garaagaraan of agarsiisan qeeqeera.

Ergaa pireezidantii biyyattii hordofee Waldaan Indaastirii Dhiyeessitoota Nyaataa Wuhaan, restoraantiiwwan hanga nyaataa dhiyeessan akka murtessan gorseera.

Namoonni gareen yoo nyaata ajajan, hanga nyaataa lakkoofsa namoota nyaatanii irraa tokkoon hir’isuu qabus jedheera.

Sirna nyaataa ‘N-1’ jedhamuun moggaafame kanaan gareen namoota 10 of keessaa qabu nyaata sagal qofa ajajuu danda’a jechuu dha.

Haa tahu malee biyya hanga nyaataa barbaadamu caalaa ajajuun baramaa tahe keessatti sirna kana diriirsuun yeroo fudhachuun hin oolu.

Namni gareen yoo sooratu maaddiin qullaatti yoo hafe namni affeere sun gaarii akka hin taanee fi hanqinni nyaataa akka jiru agarsiisa.

Namoonni gariin seera ‘N-1’ kun fudhachuuf rincicaniiru. .

'’Namni tokko qofaa isaa mana nyaataa yoo dhaqe nyaata ‘zeroo’ ajaja jechuu dha? ‘’ jedhee namni gaafatellee jira.

Kaan immoo reestoraantiiwwan caalaa jila qondaalota mootummaan qophaa’urrattidha nyaatni kan qisaasamu jedhaniiru.

Miidiyaan Chaayinaa CCTVn immoo warreen nyaata baayyee soorachaa of waraabuun miidiyaa irratti of agarsiisaniifi 'Makbaang' jedhamuun beekaman qeeqeera.

Chaayinaan dhimma nyaata qisaasuu kanarratti duula yoo bantu kun kan jalqabaa miti. Bara 2013tti duula farra nyaata qisaasuu qondaalota mootummaa irratti xiyyeefate bantee turte.

Akka qorannoo bara 2015tti taasifame agarsiisutti nyaatni toonii miiliyoona 18 tahu baricha keessatti badeera.

Tattaaffii qisaasama nyaataa hir’isuu

Pireezidantiin Chaayinaa ‘nyaatni baduu hin qabu’ jechuun hawaasa addunyaa yeroo weerara kanaa gargaaruu barbaadanillee. Chaayinaan lammiilee ishee biiliyoona 1.4 tahaniin nyaata badu hambisuu feeti

Hangi nyaataa Chaayinaan qisaastu nama miiliyoona 30-50 waggaatti soruu danda’a.

Kanaaf tarkaanfii jabaa tahe akka namoonni haala soorannaa isaanii itti yaadan godhu fudhachunn barbaachisaa ture.

Magaalaan addunyaa irratti lakkoofsa baayyee qabdu Shaangaayi seera namoonnii fi dhaabotni nyaata deebisanii akka fayyadaman ajaju ji’a Adoolessaa keessa baasteetti. Warreen seera kana hin kabjne adabbii qarshiitu irra gaha.

Seerri kun magaalota birootti illee darbeetu hojjetaa jira.

Kana malees Chaayinaan rakkoo akka malee furdachuu argaa jirti. Bara 2016tti biyyattiin namoota akka furdatan qabaachuun Ameerikaa caaltee turte.

Erga hojiin dafqaan bulaa erga hir’isaa dhufee, imaammatni mucaa tokko qofaa godhachuu,sa’aatii dheeraaf hojjeechuu ykn qo’achuu fi amalli nyaataa biyyattii rakkoo furdina gara maleef saaxile.