Biiftuun gaaf tokko tokko maaliif diimatti?

Lixa Biiftuu suuraa galaanarratti kaafame

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Biiftuun diimattee mul'achuun taatee baratamaadha. Gaaruu maaliif akka ta'e of gaafattanii beektuu?

Yeroo hedduu diimattee kan mul'attu wayita baatuu fi lixxudha.

Wayita biiftuun diimattu kan samiin itti marsee mul'atu ammoo halluu diimadiitti jijjiirame wayita ilaalan kan qalbii namaa hawwatu ta'a.

Kun akka mallattoo jaalalaatti ilaalama, og-barruu fi aartii keessattis hiikaa adda addaa qaba. Haa ta'u malee saayinsiin waan ibsamuu danda'udha.

Wayita biiftuun diimattu ija qullaan ilaaluun fayyummaa ija namaarraan miidhaa gahuu bira darbee hanga nama jaamsuutti gahuu danda'a.

Biyyyoota gara garaa keessatti tibbana biiftuun wayita baatuu fi lixxu haala addaan mul'ataa jirti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyyoota gara garaa keessatti tibbana biiftuun wayita baatuu fi lixxu haala addaan mul'ataa jirti

Gaaf gaaf wayita biiftuun lixxuu fi baatu bareedinni uumamu jechaan ibsuuf kan nama rakkisu ta'uu mala.

Saayinsiin haala kun itti uumamu yoo ibsu "ifti aduu atimoosfeerii dachee keessa wayita qaxxaamuru kan uumamudha" jedha astiroonoomar Eedwaard Biluumar.

Jalqaba ifa hubachuun barbaachisaadha, ifti garee halluuwwan mul'atanii - diimaa, diimadii, keelloo, magariisa, cuquliisa, indiigoo fi vaayoleet irraa tolfame.

"Ifti kun yoo bittinnaa'u ykn faca'u, wal qixxee hin faca'u" jedha Biluumar.

Halluun mata mataa isaatti dheerina dambalii ykn 'wavelength' adda addaa qaba, kanaaf halluu adda addaa qabaata.

Kan itti aanu atmoosfeerii ykn duuraa duuba gaasota dachee hubachuun barbaachisadha. Gaasonni kunneen oksijiinii hargannu dabalata.

Ifa bittinnaa'e

Ifa aduu fi samii diimadiitti jijjiirame

Madda suuraa, Getty Images

Ifti aduu wayita gaasota wal irraa-jala jiran - kan rukkinna adda addaa qaban keessa qaxxaamuru - in jallata ykn ammoo ni baqaqa.

Dabalataan ifti kun paartikiloota atimoosfeerii keessa jiranitti bu'ee akka ofirra deebi'u ykn calaqqisu godhu.

Biiftuun yoo baatu ykn lixxu carallaan ishee roga murtaa'een ta'een atimosfeeriitti bu'a - yeroo kana diimachuun kan uumamu.

"Wayita biiftuun lixxuu fi baatu, ifa ishee keessaa halluuwwan akka magariisaa fi cuquliisaa ni faca'u ykn bittinnaa'u, yeroos diimattee ykn bifa diimadii (orange) qabaattee mul'atti" jedha Biluumar.

Halluuwwan dheerina dambalii ykn 'wavelength' gabaabaa qaban akka cuquliisaa warra dheerina dambalii dheeraa qaban akka diimaa caala bittinnaa'u.

Kuni maaliif guyyaa guyyaa yeroo hedduu samiin akka cuquliisa ta'ee akka mul'atuufis sababa ta'e.

Samiin halluu cuquliisaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Samiin halluu cuquliisaa

Guyyaa wayita biiftuun qixxa lamaanirra jirtu, ifti aduu osoo hin faca'iin ykn bittinnaa'iin atimoosfeerii keessa darba.

Yeroo kana faallaa wayita biiftuun baatuu fi lixxuu halluun cuquliisaa diimaa fi diimadii irra aanee mul'ata. Kunis samiin cuquliisa akka ta'u taasisa.

Kuni garuu haala qilleensaa irratti hundaa'ee jijjiiramuu mala.

Garuu samiinillee ni diimata!

Samii diimaa Masrii Kaayirootti mul'atu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Samiin akka Maarsiitti diimatee mul'ata

Samiin kan diimatee mul'attuuf waan biiftuun jijjiiramteef osoo hin taane sababoonni biroo waan jiraniifi jedha Biluumar.

"Dhukkee samii keessa jiru, aaraa fi wantoota kana fakkaataniin halluun samii waan jijjiirame fakkaatee mul'achuu mala" jedha.

"Fakkeenyaaf Maarsiin kan diimattee mul'attuuf dhuukkeen diimaan waan qilleensa guutee jiruufi, kan samiis akkuma kanatti ibsamuu danda'a."

Tibbana maaliif bifa addaatiin biiftuun diimataa jirti?

Dubartii foddaarraa teechee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Uggurri tibbanaa waan kana akka qalbifannu no godhe ta'uu mala

Tarii tibbana wanti addaa uumame jiraachuu dhiisuu mala ajedha Biluumar, haa ta'u malee namoonni mana bahaa waan hin jirreef sirriitti qalbiifatanii biiftuu ilaalaa jiru ta'a jedha.

Dabalataan faalamni qilleensaa hedduu waan hin jirreef namoonni samii fi biiftuu qalbiifatanii akka ilaalan taasisuu mala jedha.