Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhohinsa Beerut: Waa'ee dhoohinsichaa hanga ammaatti maal beekna?
Dhohinsa Beerutitti mudatee lubbuu namoota 135 dabarsee fi 5,000 ol akka madaa’een taasiseen booda hojjattoonni lubbuu baraaruuf hojjattan bakka dhohinsi sun mudatetti ammallee naamoota lubbuun hafan barbaadaa jiru.
Wantoonni hamma ammatti beeknu kunooti.
Maaltu uumame?
Jalqabarratti bakka odolaasanitti naannoo sa’aatii 12:00’tti ibidda xiqqaa fi dhohinsatu ture. Namoonni bakkicha turan sagalee ricciitii (fireworks) fakkaatutu ture jedhan.
Viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti maxxanfame aarri man-kuusaa keessaa bahu ni mul’ata ture. Achi booda kan dhohinsi jabaan guutuu magaalattii kan raase.
Dhohinsi lammaffaan magaalaa namoonni miiliyoona lama keessa jiraatan kan barbadeesse. Hospitaaloonni yeroo suma san kan miidhamtootaan guuttaman.
“Miidhaa guddaa argaa jirra,” jedhe hogganaan Waldaa Fannoo Diimaa Libaanan, Joorji Ketaani. “Miidhamtoonni bakka hunda jiru.”
Bulchaan Beeruut Marwaan Abuud namoonni 300,000 manasaanii akka dhabanii fi miidhaan qabeenya doolaara biiliyoona 10-15 irratti akka gahe dubbataniiru.
Dhohinsi hammam guddaa ture?
Ogeeyyii hamma ammatti dhohinsi hammam guddaa akka ture ibsuu baatanis dhohinsi odolichatti mudate garuu foddaa Buufata Xiyyaaraa odolicharraa km9 fagaatee argamu caccabseera.
Dhohinischi biyya odolaa kan taatee Saayifirasitti dhagahamee ture. Biyyattii bakka dhoohinis mudaterraa km200 fagaatti. Dhohinsi kunis kirkira lafaa maagnitiyudii 3.3 walii qixa akka ta’e ogeeyyii kirkira lafaa Ameerikaa ibsaniiru.
Dhohinsa kanaaf maaltu sababa ta’e?
Pireezidaantii Libaanan Maayikil Auun kuusaa amooniyem naayitireetii toonii 2,750 waggootaaf osoo nageenyummaasaa hin eegamin kuufamedha jedhan.
Amooniyem Naayitreetiin keemikaala jajjaboo bifa adii qabu kan warshaalee gurguddoo keessatti hojjetamuudha.
Faayidaan keemikaala kanaa irra jireessi xaa’oof ta’ullee, yeroo albuuda baasan dhohiiinsa uumuufis ni fayyada.
Bobaa waliin walitti makamee albuuda baasuu keessatti dhohinsa uumuu fi indaastirii ijaarsaa keessattillee ni fayyada. Asiin dura loltoonni boombii ittiin hojjatuufillee itti gargaaramu turan.
Ogeeyyiin akka jedhanitti amooniyem naayitireetiin yoo kuufamee taa’u hamma ta’e gaariidha.
Naannawwasaatiin wantoota gurguddoo keetta taanaan bosbosuu jalqaba.
Amooniyem naayitireetiin indaastiriiwwan keessatti du’a namootaatiif sababadha jedhamaa ture.
Bara 1947’tti Teeksas keesstti doonii amooniyem naayitireetii toonii 2,000 fe’ee ture dhoyee namoota 581 ajjeeseera.
Eenyutu itti gaafatama?
Pireezidaant Auun qorannoon ifa ta’e akka taasifamu waadaa galaniiru.
“Qorannoo taasisnee maaltu akka mudate eega adda baafne booda namoota maal na dhibdeen dhohinsa kanaaf sababa ta’an qorannee abaddii cimaa akka adabaman ni taasifna,” jedhan guyyaa Roobii yeroo odola miidhame daawwatanitti.
MM Hasan Diyaab sababni dhohinsi kanaa “fudhatama hin qabu” jedhan.
Hogganaan odolichaa kan ta’an Hasan Koraayteem fi daayirektarri galii Libaanan Badirii Daheer balaa kuufamuu amooniyem naayitireetii geessuu fi waamichisaanii akka kuufamnu kun ka’u taasisan akka fudhatama hin arganne himu.
“Akka irra deebiin ala ergamu gaafannus namni nu gahu hin jiru ture,” jechuun Obbo Daheer LBCI’tti himaniiru.
Ragaan miidiyaalee irra jiran akka agarsiisanitti qondaaltonni galii bara 2014-2017’tti kuufamnu akka kaafamuuf yoo xiqqaate xalayaa jaha abbootii seeraatiif barreessuusaanii mul’isa.
Mootummaan qondaaltota odolichaa kuufama amooniyem naayitireetii hordofaa turan hidhaa manaa keessa akka turan ajajaniiru.