Chaayinaan nama waggoota 27f dogoggoraan hiite gadhiise

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaatti namni jiraataa baha biyyatti ta'e tokko himannaa ajjeechaatiin waggoota 27f erga mana hidhaatti dabarseen booda amma bilisa bahe.
Zhaang Yuhaan ajjeechaa ijoollee dhiiraa lamaan bara 1993 keessa shakkamee erga to'atameen booda poolisiidhaan reebiichiifi dararaan irratti raawwatamee ture.
Namni kun hidhamaa dogongoraan bara dheeraa mana hidhaa keessatti dabarse yoo ta'u, erga guyyoota 9,778 mana sirreessaa bulchiinsa Haangxi keessa tureen booda amma gadhiifameera.
Himatamaan kun erga manni murtii olaanaa biyyattii nama kanarratti yakkicha raawwachusaatiif ragaa gahaan hin jiru jedheen booda bilisaan gadhiifame.
Taajabdoonis Chaayinaan ammaan tana namoota dogongoraan hiitee gadhiisuuf fedhiin agarsiiftu dabalaa jira, garuu kanneen sababii siyaasaatiin hidhaman miti jedhu.
Waraabbiin viidiyoo midiyaalee biyyattii irratti mullatanis Mr Zhang haadha isaa kan umuriin waggaa 83 waliin fi haadha warraa saa duraa waliin wayita wal arganiitti miira gammachuu olaanaa agarsiisu Kibxata gadhiifamee ture.
Taajjabdoonni maala jedhu waa'ee adeemsa seera Chaayina?
Chaayinaa keessatti polisoonni shakkamtoonni yakka shakamaniif akka dhugaa bahaniif jecha tooftaawwan garaa garaa fayyadamuun to'atamoota irraan darara gahaa akka gahan xinxalaan BBC Ashiyaa Paasifik Seliyaa Hatton ni hima.
Toftawwan poolisiin hidhamtoota irratti fayyadaman keessaa tokko rakkina hirriibaa umuu, sigaaraan gubuu fi rebicha irratti raawwachuun jedha. Jechi hidhamtootaa haala kanaan argamees akka waan jecha 'isaaniitti' fudhatamuu akka ragaatti irratti dhiyaata.
Bara 2010 keessa jacha dirqiidhaa fudhatamu dhaabuuf yaalii cimaan sirna seera biyyattii keessatti eegaleera.
Amma murteen du'aa mana murtii Olaanaa biyyattiin mirkanneeffamu qabaata, akkasumas himannaan jecha shakkamaa qofaan dhiyaatu akka haqamu taasifamaa jira.
Haa ta'u malee ammalleen firoormiin adeemsa seera chaayinaa danqaalee irra bilisa miti. Keessattu poolisiinni haala qabiinsa shakkamtootaa irratti fooyya'insa taasisuuf fedhii hinqaban jedhama.
Akkasumas musilimoota lakkoofsi isaanii gadaanaa dabalatee haalli isaan ittiin shakkamtoota qabaniin ni komatamu.
qaanga'oonni shakkamtoota siyaasaa wayita to'ataniitti haala sirna baramee alaatiin qoratu. Wayita kanattis karreen cufaman duuba wanti fedhe mudachu danda'a. Kanaafuu biyyatti haala adeemsa qorannoo yakkaashee jijjiruuf yeroo baayyee akka itti fudhatu himama,
Maatiin Mr Zhaang
Haatii warraa isaa duraa waliin ijoollee dhiiraa lama kan godhatan yoo ta'u, waggoota 11 dura adda bahan. Haata'u malee gaati warraa isaas adeemsa ol iyyannoo dhimma isaatii gargaaraa turte.
"Waa'ee mana murtichaa wayitan dhagaheetti baayyeen gammade'' jettii jirti haari waarraa isaa duraanii Ms Song.
Mr Zhang dogongoraan waggoota kana hundaaf waan hidhameef beenyaa argachu akka qabu manni murtii itti himeera.
Abukaattoon isaas ‘’maallaqa hangamii beenyaan argachuu akka qabu maamila koo hidhaa ture wajjin haasofna’’ jedhe dubbate.
Zhaang Yuhaan ollaa ijoollee miidhaan irra qaqqabeetti waan qabameef qofa akka waan yakka raawwateetti shakkamuun hidhamee.
Namni ijoollee kana ajjeesse otoo hin baramiin achuman hafe.
Bara 1995 himannaa kanaan dutii irratti murtaa'ulleen booda gara hidhaa umurii guutuutti akka geeddaramuuf taasifame.
Abbaan alangaa himata isaa irra deebi’e ilaaluun waanti inni amaneefi yakka ittiin jalqaba himatameen wal hin simu jedhe.
Manni murtii olaanaan biyyatti ragaa quubsaa murtoo itti murame dhugoomsu dhabnaan bilisaan gadhiise.













