Koronaavaayiras: Baqattoota Afriikaarraa gara Maaltaa imalan 65 irratti Covid-19 argame

Maxxanfame

Biyyi odolaa dhiyeenya Xaaliyaanitti argamtu Maaltaan, godaantoonni baraaraman 65 Covid-19n qabamu ibsite.

Baqattootta 94 eegdoota Maaltaa kan galaana Meditiraaniyaaniin baraaraman keessaa harka sadii keessaa harka lama kan ta'an, Covid-19n qabamuun ibsame.

Qorannoo akkuma lafa qaqqabaniin godaantota kanneen irratti taasifameen 65 isaanii irratti vaayirasichi argameera.

Kanneen hafan 20 ammoo bilisa yoo ta'an, bu'aan qorannoo kanneen sagal ammoo eegamaa jiraachuun himameera.

Baqattoonni biyya Ertiraa, Morokoo fi Sudaan irraa ta'an, bidiruun isaanii bishaan galchuun eegaluun osoo baraaramiin dura sa'aatii 30f galaanaarra turan.

Isaan boodas ammo jidduugala simannaa keessatti atta baafamuun turuu jedhameera.

''Baqattoonni akkuma qaqabaniin guyyaa 14f adda baafamuun akka turan taasifamu. Kanneen Covid-19n qabamunsaanii barame ammo adda baafamu. Kanneen hafa ammo jiddugala keessa tursiifamuun hordoffiin taasifamaaf,'' Ministeerri Fayyaa akka jedheetti.

Garee baqattootaa kunneenis bidiruu xixiqqoon Libiyyaarra akka ka'an gabaafameera.

Haa ta'u malee erga imala isaanii eegalanii booda mallattoon akka ofi eeratti argan himama.

"Garee kunis walumaan erga Maaltaa qaqabaniin booda osoo hinqoratamiin duras namoota muraasa waliin wal quunnamaniiru,'' jechuun jiraattoonni naannichaa muraasnis garee kana waliin wal qunamuu ibsa Ministireerri Fayyaa.

Garee kana dabalatee namoonni ammaan ta'a Maaltaatti ammaan tana koronaavaayirasiin qabamanii jira gara 99tti ol kaa'uu maddi oduu AFP gabaaseera.

Erga baatii Bitooteessaa 7tti namni tokko Covid-19n qabamunsaa mirkanaa'ee asi Maaltaan odoola xiqqoo lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman baayyeen keessatti argamte taate jirti.

Ebla keessa ammoo guyyaa tokkootti waliigalatti namoota 52 irratti vaayirasichii argamee ture.

Akkasumas Maaltaatti namoonni sagal dhukkuba kanaan du'unsanii gabaafameera.

Tibba weerarichi biyyoota Awurrooppaa keessatti sadarkaaolaanaa irra gahee tureetti, biyyi baayyiina ummata kuma 450 qabdu tunis, baqattoota baraaruu dabalatee, buufatawwan ishee gutummaan cuftee turte.