Gaazexessaan beekamaan Paakistaan butame fudhatamuun uummata dheekkamsiise

Maxxanfame

Gaazexessaan beekamaa Paakistaan Maatiyuullaa Jaan jedhamu magaalaa Islaamaabaad keessatti daandii guddaa namootni itti baay’atan gidduutti namoota hidhatan eenyummaan isaanii hin beekamneen erga ukkaamfamee fudhatameen booda gadhiifame.

Gaazexessaan kun hundeeffama humna waraanaa biyyattii qeequun beekama.

Viidiyoon yeroo inni qabamu agarsiisu miidiyaalee hawwaasaa irratti erga qoodamee namootni baayyeen human tikaa Paakistanitti quba qabuun dheekkamaniiru.

Biyyattii keessatti achi buutee namoota dhabamanii raawwataa jiru keessaa kunis tokko tahuu mala jedhamaa ture.

Gaazexessaan kun murtee abbaa seeraa olaanaa biyyattii qeequun himata irratti dhiyaateen mana murtiitti dhiyaachuusaa guyyaa tokko dursuun ture kan gidduutti butramee ture.

Maatiin isaa haala nagaa keessa akka jiruufi nagumaan akka deebi’e BBCtti himaniiru.

Namni ani lakkoofsa bilbila isaa hin beekne tokko naaf bilbilee gara Fatejang [Lixa Islaamaabaad] koottu Mayiyulaa gara manaatti fudhadhu na jedhe’’ jechuun obboleessi isaa ogeessa seeraa tahe Shaahid Abbas hime.

Mr Abbaasiin naannoo Fatejangi gahee karaa irraa maqee akka deemeen obboleessa isaa argachuu hime.

Gaazexessaan kun akka maatii isaatti himetti iji isaa akka hin argineef hidhamee bakka tokkoo gara bakka biraatti geeffamaa akka ture himeera.

Akkamiin qabame?

Jaan mooraa kolleejjii dubartoota tokko alatti namoota hidhatan baay’een kaleessa butame.

Haadha warraa isaa kolleejjicha keessa hojjetu buusee yeroo deebi’u konkolaattota baay’ee gariin isaanii mallattoo konkolataa poolisii of irraa qabanii fi anbulaansii tokkoon marfame.

Waanti raawwatame kun kaameeraa CCTV'n waraabameera. Kunis miidyaalee hawwaasaa irratti qoodame.

Booda manni murtii Ol-aanaan Islaamaabaad hoggantoota polisii ol-aanoof xalayaa barreessuun gaazexessaa Matiyuullaa Jaan waliin ykn ofii isaanii eessa akka jiru ibsuuf mana murtiitti akka dhiyaachuu qaban ajaja dabarse.

Dhiibbaan mootummaa irra gahe ifati kan beekame ture. Ministeerri Odeeffannoo Shibili Faaraaz miidiyaa irratti gaazexessaa Matiyuullaan ‘’butameera’’ kanaaf mootummaan eessa akka jiru barbaaduun deebisuuf dirqama qaba jedhan.

Ministirri Mirga Namoomaa Shireen Mazaariis ‘’waan baayyee nama jeequ’’ jechuun karaa tiwiiteraa barreesitee poolisii waliin dubbachuus ibsite.

Miidiyaaleen Paakistaan kanaan dura waan akkasii gabaasuu irraa of qusatan jalqaba duubatti harkifatanis miidiyaalee gariin haala butamuu gaazexessaa kanaa gabaasaniiru.

Gaazexessaan kun miidyaalee gurguddoobiyyattii baay’ee keessa hojjechaa kan ture yoo tahu qeeqa mana murtii irrati qabus soda malee dhiyeessaa ture.

Dhumarratti hojii isaas isa dhabsiiseera. Amma dhuunfaa isaan You Tube irratti maqaa MJtv jedhuun sagantaa dhimma seeraan wal qabatu gabaasa.

Namni kun humni waraanaa biyyatti haleellaa lubbuu namoota hedduu biyyichatti galaafataa ture dhaabsisuu hin dandeenye jechuun qeequnis beekama.