Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa: Itoophiyaa fi Masriin hidhaa Laga Abbayyaarratti maaliif waliigaluu dadhaban?
Maxxanfame
Suuraaleen saatalaayitarraa kaafaman akka agarsiisanitti Hidha Guddicha Itoophiyaan ijaartu duuba bishaan kuufamee mul'ata.
Sudaan bishaan garashe dhufu akka hir'ate yogguu dubbattu, Masriinis gamasheen komii qabdu kaaftee jirti.
Biyyoota sadeen kana gidduu mariin waggoota dheeraaf taasifamuuf, haga yoonaa waliigalteerra gahuu hin dandeenye.
Gaazexeessaan BBC, Ros Atkins waliigalteen maaliif dhibe ka jedhu akkasiin ibsa.



