Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sireberenika: Boosniyaan waggaa 25'ffaa ajjeechaan Jumlaa uummata ishee irratti raawwatee yaadataa jirti
Boosniyaan guyyaa ajjeechaa Jumlaa waggaa 25ffaa yaadachuun yeroo kabajaa jirtu kanatti reeffa namoota ajjeechaa jumlaan dhumanii keessaa kan eenyummaan isaanii baramee nama sagaliif sirna awwaalchaa raawwatte.
Reeffi namoota sagalii kan ajjeechaa jumlaan dhumanii keessaa dhiyeenya adda bahan yeroo yaadannoo guyyichaa waggaa 25ffaa kanaa awwaalaman.
Sirni awwaalchaa isaanii naannoo Sirebreenikaatti gaggeeffame.
Erga Waraana Adunyaa 2ffaan as ajjeechaan jumlaa akkasii seenaa Awurooppaa keessatti isa hamaadha.
Pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Biil Kilintan fi ilmi mootii Weelsi akkasumas maatiin firoota isaanii dhaban hedduun yaadannoo taasifame kana irratti dubbataniiru.
Loltootni Boosniaa Seerb bara 1995 musiliimota dhiira qofa tahan 8000 bakka tokkotti ajjeesaniiru.
Ajjeechaan Jumlaa kun bara waraana Boosiniyaa bara 1992-1995 kan raawwate yoo tahu lammiileen Boosiniyaa musilima tahan kumaatamni dahoo argachuuf baqatanii magaalaa Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii fi humni waraanaa Dachi eegaa ture keessa buufatanii ture. Booda bakkichi humnoota serbiyaa jalatti kufe.
Akkamiin ajjeefaman?
Loltootni warra Serbi bakka musiliimonni Boosniyaa itti baqatan to'annoo isaanii jala oolchan.
Bakkicha hawwaasa musiliimaa 20,000 tahantu jira ture. Irra caalaan isaanii dubartootaa fi ijoollee xixiqaa turan.
Dubartootnii fi ijoolleen xixiqqaan adda baafamuun otobisiidhaan fe'amanii bakka biraa geeffamuun akka achi turan taasisan humnootni Serbi.
Waraanichi Musiliimota Boosniyaa fi Serbi kanneen jedhan gidduutti akka malee hammaatee ture.
Kanumaan humnootni Serbi manguddootaa saalaan dhiira tahanii fi ijoollee dhiiraa adda baasan. Isaaniin bakka isaan ajjeesuuf qopheessanitti geessan.
Kumaatamni isaanii bakka tokkotti ajjeefamuun konkolaataa lafa qottuun bakka tokkotti haramanii awwaalaman. Gabaasonni akka jedhanitti gariin isaanii osoo lubbuun keessa jiruu awwaalaman. Kaan ammoo yeroo ijoolleen isaanii ajjeefaman dhaabatanii akka ilaalan taasifaman.
Torbee lama osoo hin guutiin namootni 8,000 tahan ajjeefaman.
Humnootni 'UN' hidhannoo sasalphaa yeroo sana qabanii fi bakkichi nagaadha jechuun eegumsa irra turan haalichi baayyee waan hammaateef homaa gochuu hin dandeenye ture.
Hasan Hasanovich BBCtti akka himetti bosona naannoo magaalichaa jiru keessa dhokachuun humnoota Serbi jalaa badun bakka nagaa jedhamu gahe. ''Halkan jahaaf guyyaa jaha na adamsan' jedhe.
Ijoollee dhiiraa fi namoota gurguddoo hedduun na fuulduratti yeroo ajjeefaman argeera. Kanaaf baayyee sodaadheen ture jedhe.
Barreessaan ol-aanaan duraanii UN Kofii Aanaan ajjeechaan Jumlaa Sirebrenikaa seenaa UN keessatti gadda guddaan bara baraan yaadatama jedhanii ture.