Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Doktoroota biyyoota lamatti lubbuu dhukkubsattootaa baraaraa jiran
Dr Xaahir Aktaar mana isaa magaalaa Landaniin alatti argamutti dhukkubsattoota Covid-19 Paaksitaanitti argaman kompiitarasaatti fayyadamuun gargaaraa jira.
Doktoroonni achi jiran gama viidiyootiin kutaan dhukkubsattoonni haalaan dhukkubsatan itti yaalaman (ICU) kan hospitaala magaalaa Jiinatti argamu Dr Xaahiritti mul’isu.
Dr Xaahir ogeessa kutaa ICU yoo ta’u dhukkubsattoota Covid-19 'Essex' jiraniifis gargaarsa taasiseera.
Ammatti yeroo boqonnaasaatti softiweerii fayyadamuudhaan muxannoosaa ogeeyyii fayyaa biyya dhalootasaa Paakisataan jiraniif qooda – dhukkubsattoota Covid-19 yaaluuf maloota gaarii ta’an doktaroota gorsa.
“Tajaajila NHS’f [kan UK] kenninutti baay’ee boonna,” jedhe Dr Xaahir. “ Akkasumas muxannoo fayyaarratti qabnuu fi kan biraatiin, waahillan keenyaa fi uummata Paakisataan gargaaruun baay’ee barbaachisaadha.”
Dr Mohaammad Ashraf Ziyaa hospitaala Jiinatti kutaa ICU dhukkubsattoonni Covid-19 itti yaalaman hogganan BBC’tti akka himanitti, Dr Xaahir waliin muxannoo wal jijjiiruun ''baay’ee faayidAa qabeessa ture,'' jedhu.
Isaanis gareen isaanii dhukkubsattoota yaaluuf qorichoota murtaa’oo asiin dura itti hin fayyadamne fayyadamuusaaniitiif “bu’aan gaariin jiraachuu” himu.
Paakistaan keessatti namoonni 250,000 koronaavaayirasiin yoo qabaman 5,000 immoo du’aniiru. Lakkoofsi kunis kan Biriitan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu xiqqaa ta’us lakkoofsi namoota Paakistaanitti du’anii kan himamee olidha.
Biriiteen keessatti namoonni 44,000 sababa koronaavaayiras lubbuusaanii dhabaniiru.
Doktorri biraa dhalootaan Paakistaan ta’anii fi UK’tti hojjatan Dr Suhaayil Chugtaayi sooftiweerii fayyadamuudhaan kutaa ICU Laahoreetti argamuuf gargaarsa kennu.
Kaayyoon isaa Paakistaan keessatti sababa hanqinna ogeeyyii kutaa ICU irraa ka’ee jiruuf “qaawwa cufuudha.”
Dr Suhaayil piroojektoota akkanaa biroos baay’ee hojjateera.
Innis naannoo Puunjaab keessatti mootummaa waliin ta’uun akka doktoroonni UK, Aayirlaand, US fi Paakistaan gama viidiyootiin dhukkubsattoota Covid-19’f gorsa kennu – kana jechuun yaala argatuuf gara mana yaalaa hin deeman jechuudha.
Doktoroonni biyyoota afranii eega ji’a Bitootessaatii asi namoota 35,000'f gorsa kennaniiru.
Dr Suhaayil haalonni akkanaa fuuldura ogummaa fayyaatiif barbaachisoodha jedha. “Bakka doktorrii fi dhukkubsataan afaan tokko dubbatutti, eessallee jiratan tajaajila argatuu danda’u.”
Doktoroonni dhalootaan Paakistaan ta’anii fi lammummaa Biriitan qaban sirna fayyaa Paakistaan jiru fooyyeessuuf yeroo boqonnaasaanitti hojjatan ni jiru.
Waldaan tola ooltummaa “The Midland Doctors” jedhamu eega balaa sigiga lafaa Kaashimiiritti mudate booda ture bara 2005 magaalaa Muzaffarabad keessatti hospitaala kan ijaare.
Ammatti miseensonni waldaa tola ooltummaa kanaa Biriitan jiraatan doktoroota Paakistaan jiraniif gama interneetiitin leenjii kennu akkasumas dhukkubsattoota kutaa ICU jiran hordofu jedhan Dr Farhaan Rashiid.
Isaaniis UK keessatti haalli Covid-19 isa Paakistaan irra hamaa waan ta’eef doktoroonni haalasanirraa muxannoo argatan waahilan isaanii Paakistaan jiraaniif akka qoodaniif isaan gargaareera jedhan.
Dr Suhaayil akka jedhanitti doktoroonni lammummaan Biriitish ta’anii fi dhalootan Paakistan ta’an hojiilee akkanaarratti hirmaatuuf fedhii guddaa qabu.
“UK ni jaalatu ta’us garuu biyya irraa dhufaniis hamma danda’aniin gargaaruu barbaadu,” jedhe.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras