Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kaabaa 'tarkaanfii waraanaa Kooriyaa Kibbaa irratti raawwachuuf turte dhaabde'
Kooriyaan Kaabaa 'haleellaa waraanaa' Kooriyaa Kibbaa irratti fudhachuuf turte akka dhaabde miidiyaan mootummaa biyyattii gabaase.
Tibbana aktivistoota Kooriyaa Kibbaa keessa jiraniin ergaan Kooriyaa Kaabaa aarsu waraqaa fi wantoota akka afuuffee keessa kaa'amuun gara daangaa isheetti ergamaa turuun hedduu ishee aarsee ture.
Torban darbe Kooriyaan Kaabaa Biiroo waliinii qunnamtiif itti fayyadaman daangaa biyyoota lamaanii irra jiru barbadeessiteetti.
Dabalataan, loltoota gara daangaasheetti akka bobbaastu himtee ture.
Akka miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa gabaasetti, wal gahii Kiim Jong Un dursan irratti tarkaanfii loltoota erguu jedhu akka dhaaban dubbataniiru.
Komishiniin Gidduugaleessaa Humna Waraanaa murtoo kana ''haala mul'ataa jiru'' ilaaluun akka dhaabe ibsaniiru.
Kooriyaan Kaabaa sagalee guddistuu torban darbe dhaabanii turanis akka hojii dhaabsisan himaniiru. Naannoo daangaatti biyyootni lameen sagalee guddistuu gurguddaa tahe dhaabuun olola ittiin wal doorsisan gadhiisaa turan.
Kun tarkaanfii tasgabbii buusuuf fudhatamedha jedhame.
Obboleettiin Kim Jong Un, Kim Yo Jong Biiroo waliinii daangaa irra jiru erga akka barbadeeffamu ajajjeen booda tarkaanfii itti aanus akka fudhatan himtee ture.
Piyoongiyaangi tarkaanfiin kun kan fudhatamuuf yaadame Se'ul ergaawwan bulchiinsa Kooriyaa Kaabaa balaaleffatan afuuffee keessa kaa'uun gara daangaatti ergan dhaabsisuu waan hin dandeenyeefi jette.
Xiinxala Lawuraa, Gaazexeessituu BBC Se'uul irraa
Diraamaa barreeffamee qophaa'e fakkaata. Imaammatni Kooriyaa kaabaa hamaan sun deebi'aa jira.
Biiroo daangaa irraaa jalqaba akka barbadeessan nutti himaniiru.
Sana booda tarkaanfii waraanaa biraa akka karoorsan obboleettiin Kim beeksifteetti.
Garuu warri hubannoon dhimmicha ilaalaan tarkaanfichi akka dhaabbatu taasisaniiru. Yeroo humni waraanaa karoora kana baafatu kan raggaasisuuf Koree Gidduugaleessaa Waraanaati.
Kun ammoo Kim Jong Un matumasaatu murtoo dhumaa kenna jechuudha.
Kanaafuu maaliif amma akka dhaabbatu murteesse? Kim Jong akka ajajaa gaarii tahee ajaja obboleettii isaa hamaa fakkaatu waliin tapha siyaasaa waan taphatan fakkaata jedhu xiinxaltootni tokko tokko.
Kun ammoo marii Kooriyaa Kibbaa waliin fuulduratti taasisan dursuun waan gochaa jiranidha.
Yaadachuu kan qabnu karoorri tarkaanfii humni waraanaa baase ammaaf dhaabbate ykn tursiifame jedhame malee haqame hin jedhamne.
Kanaaf tarkaanficha carraan itti fudhatan jiraachuu akka danda'u agarsiisa jechuudha.
Hariiroon biyyoota lameenii erga Kim Jong Un fi pirezidantiin Ameerikaa waliin mari'achuuf jedhanii booda hafeen as baay'ee gadi bu'aa dhufeera.