Oduu sobaa keessumaa yeroo filannoo hangam jireenya nama dhunfaa burjaajjeessaa?

Maxxanfame

Yeroonsaa baatii Amajjii darbee yoo ta'u, osoon Kaaba magaalaa Landanitti hojii kiyyaatti jiruu yeroo tokkichaan bilbilli garaa garaa Afriikaa irraa naaf bilbilamuu eegale.

Maaliif akka naaf bilbilamaa ture wantin beeku omtu hinturre. Kanaafuu imeelii, feesbuukiifi tiwiitara kiyyaan ilaale. Achiinis ergaa walitti fufinsaan lakkaa'amu garuu kan gaaffii walfakkaatu na gaafatan arge.

Akkasi kan jedhu ture.

Ani ''Micheel Maadseen'' barreessaa odeessa dhokataa jiddugala xiyyeeffannaa midiyaa Senegaaliidha.

Yakki malaammaltummaa biyya koo raasaa kan jiru yoo ta'u maqaankee keessatti eerameera.

''Erga barreeffama ati barreessite tokko erga agarreen boodas baayyee yaaddofneerra.

''Ani gaazexessaa Seeneegaal yoon ta'u, dirqamaan si dubbisuun barbaada!''

Hundi isaaniitu barreeffama mata-duree ''Balaa Afriikaa keessatti qabaanyaa umamaa misoomsuun qabu,'' jedhuun barraa'e kan barreesse ana ta'u kiyya baruu barbaadu.

Barreeffamni kunis Marsariitii Gaanaa adda hin baane, Gaanaa Qaroomtuu, jedhurratti Amajjii 9, 2019 bahe.

Odeessi kunis kaadhiimamaa pirezidaantummaa paaartii mormituu Seenegaal kan ta'an Ousmaane Sonkoon kaampaanii boba'aa Awuroppaa irraa matta'aa olaanaa fudhateera jechuun balaaleeffata.

Maqaan nama barreessees, ''Micheel Maadseen'' kan maqaa kiyyaa waliin garaa garummaa qubee lamaa qofa qaba. Maqaan kiyyaa Meecheel Maadseen.

Kunis filannoo pirezidaantummaa Senegaal gaggeeffamuun guyyoota muraasaan dura kan ta'eedha.

Ani akka gaazexessituu gaabaasa qorannootti waa'ee kubbaniyoota boba'aa Seeneegaal Afriikaa Lixaa irratti odeessaalee garaa garaa barreessee beeka.

Akkasumas, erga inni obbooleessa pirezidaantii biyyaa malaammaltuummaan balaaleeffachuun kitaaba maxxansiiseen booda waa'ee Mr Sonkoo ilaalchise barreessee beeka.

Gaazeexxistoonni na dubbiisuuf barbaadan hundi waan walfakkaatu jedhanilleen, ani garuu odeessa amma jedhame kana akkan hin barreessine beekan ture.

Ta'uus odeessi kun attamiin akka ball'inaan itti qoodameefi ana waliin qabsiifame, akkasumas ragaaleen odeesichaa tokko tokkoos na naasisan.

Pireesiin Afriikaa tokko siriiyyuu akkan ani barreessee kallattiin maqaa kiyya barreesseetti ture. Kaan ammoo haala garaa garaatiin ana ibsuun akkan ani barreesse mirkanneessaa turan.

Siriiyyuu deegarsa maallaqaa gabaasa qorannoo kanaan argatteen barnoota biyya alaa barataa jirti jedhan kaan isaanii.

Ani garuu deeggarsa maallaqa pirojaktii gaazexessitootaa Neezarlaandi keessaarra argameenan baraan ture. Isaan keessa tokkoo Oxfam.

Sababii kanaaf ture wayita maqaan Oxfam odeessicha keessatti eeramuu argu kanan baayyee nahe. Isaanis dhaabbata boba'aa UK 'Tullow jedhamuu qabu.

Boba'aan Tullow fi Mr Sonkoo garuu kana duras himannaa irratti dhiyaataa ture hundaa haalanii turamn. Kanaafuu odeessi kun soba ta'usaa baruun ni danda'ama.

Oxfam irraa akkan hubadheetti indastiricharraa maallaqa kamuu akka hin fudhanneefi Mr Soonkoof garuu leenjii kana dura keenneef kaffaluu natti himanii ture.

Haata'u malee, gaazexessitoota Afriikaa dhugaa qulqulleessaniifi oduu AFP hojjatanitti odeessicha amma akkan waan ani barreesseetti bahee kan hin hojjannee ta'u itti hime.

Wayita kanattis amma midiyaalee biyyattii guutuutti argama hundi anarratti barreessuu eegalan. Midiyaa tokko keessumatti fuula feesbuukii kiyya keessa galuun suuraa wayitan sirna cidhaarra turee tokko fudhachuun odeessicha ittiin ibsee barreesse.

Ani Micheel Daamseen eenyu akka taateefi oduun sobaa kun attamiin akka abidda bosona seenee battalatti guutuu Seengaal keessa baballachuu akka danda'ee baruun barbaade,

Itti-gaafatamaa 'Modern Ghana' kan ta'e Biraayit Owusu dubbifnaan, odeessichi yaada namoota Afriikaa bakka garaa garaa irraa dhufee itti keessumeessamu irratti akka bahe natti hime.

Namni odeessicha barreessees akka marsariitii isaanii irratti bahuuf baayyee barbaadaa turuufi siriiyyuu yoo maxxansaniif maallaqaa kan kaffaluuf ta'uu itti himuu natti hime. Garuu marsaritichi maallaqicha kan hin fudhatiin ta'uufi garuu ibsichaaf qofa gara $100 qofaa kaffalchiisuu Owuusuun natti hime.

Namni isaaf bilbilee tures nama loqoda Afriikaa qaba ture naan jedhe.

Bilbilaafi imeelii namni odeessicha ergeera jedhameetti fayyadamuun dhaabbata dijitaala 'Orange' jedhamu tokko waliin dhimmicha qorachuun eegallee.

Dhaabbatichis bilbilicha jedhame hordofuun nama US keessa jiraatuufi Baabaa Aidaaraa' jedhamuun kan galmaa'eerratti bilbile.

Baabaa Aidaaraa gaazeexeessaa lammii Seeneegaal garuu biyya Ameerikaa kan jiraatudha. Innis anaaf naman yoo odeessa hojjachuu barbaadu quunnamuu ta'uu wayitan dhagahu baayyeen nahe.

Dubbifnaanis odeessichi isarraa ta'u haalee. Tarii mootummaan Senegaaliin imeeliinsaa hatamee ta'e jedhe.

Gaazexessaan Seeneegaal irraa dubbise tokkoos filannoon walqabatee 'oduun sobaa' bakkuma hundaa burqaa jiraachuu natti hime.

Kaanis odeessii kun garee duula na filadhaa pirezidaantii biyyattii Saanirraa madduu akka hinollee himan. Gareen kunis taask foorsii qondaaltoota komunikeshinii kana dura duula na filadhaa pirezidaantichaa irra hojjatan kan hammateedha.

Anis garee oggantoota duula na filadhaa Mr Saal dubbiseen ture. Garuu namni tokkoyyu deebii naaf kennu argachuu hin dandeenyeen ture.

Garuu Mr Sookoo dubbisuuf carraa argadheen ture, innis dhaabbata boba'aa Tullow irraa maallaqa akka hin fudhatiniifi mootummaan maqa balleessuuf kan hojjachuu natti hime.

Dhaabbanni "Orange", kan oduu sobaa qoratus, bilbilli gaazeexeessaa Ameerikaa jiraatu Aidaaraa butamee ta'uu akka malu natti himan.

Qaamooleen odeessa kanarraa bu'aa argachuu danda'anis mootummaa Seeneegaal ykn kaampaanii boba'aa ta'uu akka danda'an Aidaaraan natti hime.

Waggoonni lakkaa'amanillee 'Micheele Daamsen' eenyu akka taate hin barre, tarii hin baruus ta'a.

Odeessi midiyaalee hedduurratti maxxanfamee turuu buufamulleen godaannis isaa ammalleen achuma jira. Kanaaf egaa yeroo kamuu oduu sobaa tatamsaasuun balaa kan qabaatuuf. Keessattiyyu tibba filannootti balaansaa caalaa ta'uu mala.

Waan kana ta'eefuu, odeessaalee sobaa maxxansuun dura miidhaan inni bara dheeraaf hawaasa keessatti qabaatu fageessanii yaaduun barbaachisaadha.