Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wayita addunyaan Covid-19n raafamaa jirtutti Chaayinaan hojii idileesheetti deebitee?
Chaayinaan jalqaba baatiiwwan torba dura wayita vaayirasiin Covid-19 biyya ishee keessatti mulachuun himameetti, dhoksuudhaaf yaalaa turte amma bayyannachuun fuulashee gara hojiiwwan idileetti kan deebiifte fakkaatti.
Keessattu haala motummaan Chaayinaan itti tatamsa’ina Covid-19 Wuhaan keessatti yeroo jalqabaatiif mudate qabaa ture ilaalchisuunis lammiilee biyyattii baayyee aarsuun midiyaalee hawaasuma irratti barreessa turan.
Dr Li Wenli’ang kan jalqaba waa’ee vaayrasichaa ifatti baatii Muddee keessa dubbatees, magaalaa Wuhaan keessatti aanga’oota motummaa hordofamaa ture.
Haa ta’u malee booda keessa Chaayinaan vaayirasii rakkoo biyyoota addunyaa hunda taanaan gargaaruuf wayita fiigdu mallachaa turte.
Dhiheenya kana keessas nama haaraa vaayirasichaan qabame akka hinjirree mirkanneessite jirti.
Tibba US Fayyaa Addunyaa irraa gargaarsa dhaabdulleen, Chaayinaan biyyooni akka kornaa ofiraa ittisuuf olfataniif doolaara biiliyoona lama arjomte jirti.
Chaayinaaan gama ittisa Covid qofaan osoo hintaanee dameewwan gara biraatinis gara fuulduraatti dhufaa jirti.
Labsii seera nageenyaa haaraa Hongi Kongi irratti kan raggaasifte tibbuma weera ra Covid kana keessa jirtuutti. Tarkaanfii ishee kanas hedduun wayita xiyyeeffannaan biyyoota addunyaa Covid-19n qabamee jiraniif lammilee Hongo koongis omisha PP Chaayinaa irratti waan bu’ureeffataniif carraa kanatti fayyadamuuf akka ta’e tilamaamu.
Labsiichi garuu deebiisee jiraattoonni mormiif daandiitti akka baha kakaaseera.
Akkasumas Beejingii hirreshii bakka biraattis cimfachaa jirti jechuun himu xinxaltoonni. Fakkeenyaaf, galaana Kibba Chaayinaa kiyya jechaa turte irrattis ollaa waliin atakaroo keessa gala jirti.
Odooloota waldhabee qaban kanneen irrattis bulchiinsoota haaraa lama kan labsite baatii Eblaa darbee keessa ture.
Odoolwaan waldhabee qabana kannee irratti buufata loltummaa lama ijaaraa jirti.
Achittis Maaleeshiyaafi Veetinaam akka pirojaktiiwwan boba’aa akka hidhaabbanne dhorkaa jirti.
Kana malees waldhabideen daangaa Hindii waliin yeroo dheeraaf qabaachaa turte akka haaraatti ka’aa jira.
Dhimmoonni kunneen hudi Chaayinaaf haaraa ta’u baatan illeen amma maaliif akka haaraatti irratti hojjachuu eegalte? Gaaffii jedhu kaasisaa jira hojiinshee tibbanaa.
Chaayinaan biyyi jalqaba Covid-19 keessatti mudate amma irraa bayyanachuun, wayita biyyoonni addunyaa hedduun ittiin raafamaa jiraniitti ishee hojiilee idile raawwachuutti jirti.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras