Kornaavaayiras: Yeroo kana xiyyaaraan imaluun hangam yaaddessaadha?

Maxxanfame

Dhiibbaan weerara koronaavaayirasii tokko ji'oota muraasaan asitti imalli xiyyaaraa gara malee hir'isuudha. Balaliiwwan harka 80 tahan jalqaba waggaa kanaarraa kaasee dhaabbataniiru.

Daandiiwwan xiyyaaraa gariin balalii isaanii guutummaan yoo dhaaban, kaan immoo geejiba meeshaalee hojjechaa jiru.

Daandiiwwan balalii UK, Jarmanii, Firaans baatiiwwan dhufan lamaan kanattii gara balaliitti akka deebia'an himaa jiru.

UK'n namni biyya biraatii dhufe hundi Waxabajjii 8 irraa qabee of adda baasuu qaba jennaan falmiin ka'eera.

Haatahu malee, imaltoonni nagaan balali'umoo dhukkubaaf saaxilamu laata?

Covid-19 ammallee dhukkuba waliinsaa sirriitti hin beekamnedha birqabaan yoo laalamu.

Ragaan imaltoota xiyyaara tokkoon imalan gidduu attamiin daddarba jedhu guutuu miti.

Qorannoon kanaan duraa dhukkubni hargansuu akkamiin akka daddarbu agarsiisu jira,

odeeffannoon Dhaabbatni To'annoofi Ittisa Dhukkuba Ameerika irraa ta'e akka agarsiisutti. a

Imaltoota roga lama lamaan duubaafi fuuldura taa'an hordofaa ture. Qorannoon Yunvarsiitii Imoorii Atilaantaa jiru immoo samuuda imaltootaafi hojjettootni akkatti socho'aniifi kuni akkamiin tamsa'ina dhukkubaa irratti dhiibbaa akka uumuu danda'u ilaala.

''Cophni xixiqqoo dhukkuba hargansuu daddabarsan nama qabameerraa kallattiin meetira tokko caalaa darbuu hin danda'u.Kanaaf tamsa'inni roga tokko irratti qofa kan daangeffame dha jechuudha.

Qorannoon biraa yunivarsiitiima kanaan dalagame dhukkubasttoonni hargansuu Saarsiifi Influweenzaa namoota naannoo isaaniitti dhiyaatanii taa'an baayyee faaluu mirkaneesseera.

Ibsi kanaaf kennan immoo warri dhukkubi itti darbe yeroo xiyyaara yaabbatan yookiin yeroo bu'anii dha kan jedhu dha,yookiin immoo meeshaa faalame qaqqabaniis tahuu mala jedhan.

Samuuda qorannoo gaggeessan kanaan hojjettoonni xiyyaaraa asii fi achi ijaa socho'aniifi imalaa baayyee waliin tuttuuqii gatii qabaniif namoota baayyeetti daddabarsuu danda'u kanaaf yoo dhukkubsannaan balali'uu hin qaban.

Gama biraan qondaaltonni Kaanaadaa imaltoota jalqabaa Chaayinaarraa Covid19'n qabamanii gamasitti balali'aniin alatti namoota 350 xiyyaara keessa turan keessaa namni qabame biraan hin jiru turre jedhan.

Namoonni baayyee iddoo dhiphaatti walitti kurfaa'anii taa'uun infeekshiniif nama saaxila jedhanii haa amananiyyuu malee injinarri olaanaa eroospees Erbaasii akkas mitii jedhu.

Jiin Biriis Danmaawunt,''xiyyaaronni ammayyaa qilleenssi keessa isaanii jiru akka qulqulluu ta'uu godhamuun hojjetaman jedhu.Daqiiqaa lamaafi sadiin qilleensi achi keessa jiru ni haarofamam,'' jedhu.

Salphaatti yoo keenyu qilleensi haaraa alaati karaa injinii xiyyaaraa gara keessaatti galee isa duraa waliin wal-jijjiraa jechuudha.

Qilleensi irra deebiin xiyyaara keessatti fayyadamnu teempreecharii eeguuf yoo tahu sirriitti kan calalame dha akkuma isa hospitaala keessatti fayyadaman jechuudha.

Haalli qilleensi itti xiyyaara keessa damabli'u akka infeekshinii hir'isuuf yaadameeti qophaa'e.

Kunis qilleensi gubbaa mataa keenyaan olitti seenee karaa miila keenya jalatti waan bahuufi. kanaaf waanti qilleensa keessaa tamsa'u daangefamaa dha. Namni roga lammaffaa irra taa'ee isa 20ffaa jiru faaluu hin danda'u.

Haa tahu malee imaltoonni yoo bahaniif hojjettoonni xiyyaaraa asiifi achi yoo deeman sochiin qilleensaa kun jijjiiramuu mala.

Piroofeesariin qorannoo dhukkuba hargansuu Yunivarsiitii leestar Dr Juuliyaan Taang sirni qilleensa xiyyaara keessaa copha Covid19 faalame otoo nuti afaan keenyatti hin fudhatiin dura calaluu dhiisuu danda'u jedha.

Sirni xiyyaara keessaa qilleensa qulqulleessuu qilleensa kuufama guddaa qabuuf hojjeta. Xiyyaara dabalatee geejiboota garaagaraa keessatti sochiin qileensaa yeroo nuti walitti haasofnu faa kan uumamu dha.Kuni infeekshiniif nu saaxiluu mala.

Fagaattee jiraattullee Covid19 qilleensa keessaa iddoo garaagaraarra yeroo muraasaaf ni tura.

Dr Taang ammallee maaskii fuulatti keewwachuufi yeroo qufa'aan ciqileetti afaan qabanii qufa'uun saaxilama ni hir'isa jedhu.

Fageenya eeggachuuf teessuma guutuu gidduu xiyyaaraa irratti argamu akka namni irra hin teeny taasisuun gorfamus ogeessonni kaan immoo waan hin taane dha jedhu.

Nama qufa'aa jirurraa meetira 0.6 qofa fagaattee jirta taanaan hafuurri nama sana keessaa bahu otoo qulqulleessituu qilleensaa xiyyaarichaa bira hin gahiin si bira gaha jechuudha.

Waldaan Geejiba Xiyyaaraa Addunyaa qajeelfama warreen balalii deenbisanii jalqabaniif tahu baaseera.

Kunis baayyeen isaa xiyyaara osoo hin seeniin dura dalgamudha.

  • Namoota gamoo buufata xiyyaaraa seenan daangessuu
  • Qorannoo ho'a qaamaa taasisuu
  • Imaltoonni odeeffannoo fayyaafi wal tuttuqqii qaban akka kennan gaafachuu fa'i
  • Imaltoonni waraqaawwan imala isaaniif barbaachisan manatti maxxansanii fidachuu,
  • Shaanxaafi meeshaalee buusuufi baasuuf sirna otoomaatikii fayydamuu

Pireezidaantiin itti aanaa waldichaa Niik Kiriim rakkoon guddaan erga xiyyaara keessa galanii otoo hin taane. Achi keessatti fageenya eeggachuunis badaa murteessaa miti jedhu.

Xiyyaara haalaan yeroo yerootti qulqulleessuufi namoonni yeroo gara mana fincaanii deeman akka hin hiriirree faa taasisuu dha jedhan.

Dr Taangis of eegannoo hunda hordofanaan balali'uun hinuma danda'ama,harka 100 nagaa dha yoo jechuu baannes jedhu.