Paakistaanitti dirsaafi niitiin Nabiyyuu Mohaammad arrabsitan jedhamuun duuti itti murtaa'e nuuf birmadhaa jedhan

Maxxanfame

Shaaguufaa Kaawusaarfi haati warraasaa Shaafqaat, waggoota jahan darbaniif hidhaarra turani Duuti kan itti murtaa'e waggoota muraasa dura ta’us ammallee murtee dhumaa eeggachaa jiru.

Giddu-gala Paakistaan naannoo Gujiraat keessatti kan dhalatan Kiristaanonni lameen, hiyyuummaa hamaan jireenya isaanii geggeeffatu.

Manni murtii waliigalaa Laahoor murtee dhumaa ni dabarsa jedhamee eegama.

Abukaatoon isaanii Sayiif Almaaluuk BBC’tti akka himetti, murteen du’aa itti darbuuf ragaan kan hin jirreefi wal-dhahaadha jedha.

Abukaatoon kun addunyaarratti beekamtii kan argatte Aasiyaa Biibiif falmuun murtee du’aa kan jijjiirsise ta’uunsaa ni beekama.

Murtee kana jijjiirsisuuf carraan jiraatus, abbootiin murtee finxaaleyyiin miidhaa nurraan ga’u jechuun sodaatanii murtee kana raggaasisuu malu jedhee sodaata.

Jarri kun duuti 2014’tti kan itti murtaa’e, ergaa gabaabaa Ergamaa Mohaammadiin arrabsu imaama naannoo isaaniitti argamutti erganiiru jedhameetu.

Paakistaanitti Mohaammadiin arrabsuufi amantaa Islaamaa waan tuffatu gochuun du’aan kan nama adabsiisu ta’us, amma yoonaatti lammiin adabbii kanan ajjeefame hin jiru.

Finxaaleyyiin garuu namoota kanaan shakkaman hedduu ofiisaaniitiif ajjeesaniiru.

Obboleessi Shaaguuftaa akka BBC’tti dubbatetti jarri kun Mohaammadiin arrabsuu mitii, ergaa gabaabaa barreessuufillee beekumsa hin qabanu waan ta’eef himanni isaanii irraa ka’uu qaba jedha.

Mana hidhaatti isaaniin daawwachuuf yeroon deeme akka natti himametti, gocha kana akka raawwatan amansiisuuf akka malee reebamuun miidhaan irra ga’uu dubbata.

Ijoolleen afur isaan qaban sababa hidhamuu isaanitiin qalbiin cabuutu dubbatama.

Yeroo hunda kan boo’an ta’uufi maatii isaanii yaaduudha Jooseef kan dubbatu.

Paakistaanitti seera kanatti fayyadamuun, lammiileen nama jibban ittiin miidhuufillee ni fayyadamau jedhama. Dhimmi jarreen lamaan kanaas kana ta’uu mala jedhamee shakkama.