Koronaavaayiras: Biraaziliitti guyyaa tokkotti namoonni kuma 33 Covid-19n qabaman

Maxxanfame

Biraaziil keessatti guyyaa tokkootti namoonni kuma 33 ta'an koronaavaayirasiin qabamuu wayita himamaa jiruutti pirezidaantiin biyyattii Jeer Bolsoonaaroon ammas qufaadhaaf harka hinkenniinu jechaa jiru.

Haata'u malee, dhugaan mullisuu garuu ummanni biyyaattii Covid-19 dhumaa jira.

Ministirri Fayyaa biyyattii akka beeksiiseetti guyyaa Sanbata darbee qofaatti namoota kuma 33 ta'uti vaayirasichaan qabamuun mirkannaa'ee. Guyyaa Dilbataa ammoo namoonni 1,000 du'uun himameera.

Ammaan tanattis Biraazil baayina namoota vaayirasichaan du'aniitiin Faranisaayii caaluudhaan, Ameerikaafii UK fi Xaaliyaaniitti aanuun sadarkaa 4ffaa irratti argamti.

Waliigalattis lammiilee 28,834 koronaavaayirasiin dhabdeetti biyyattiin.

Biyyattiin amma sadarkaa arfaffaarratti yaa agamtu malee, haala kanaan itti fufnaan Ameerikaatti aantee lammaffa akka taatu oggeessoonni ni tilaamu.

Ogeessonnis kana kan jedhaniif haala saffisaa vaayirasichi itti biyyattii keessa babalataa jiru irraa ka'uun jedhameera.

Haata'u malee, pirezidantiin biyyattii ammalleen ummanni harkasaa koronaavaayirasiif kennuu dhiisee bahee hojii akka hojjatuuf waamicha taasisaa jiru. Eejjannoo isaa kanaanis deeggartoota hedduu akka qabu himamaa jira.

Sababii Covid-19tiin mana keessa taa'uun dinagdee biyyaa miidha jechuun mormaa jiru.

Aaanga'oonni biyyattii gara biraa ammoo ejjannoo pirezidaantii isaanii kana balaalleefataa jiru.

Haata'u malee, pirezidaantichi ''Vaayirasichaanis kan dhufu du'a yoo ta'u, karra cufannee mana keessa yoo teenyees beelaan du'uudha,'' jechuun mormu.

Kama malees, Pirezidaantiin biyyattii osoo maaskii hinkaawwatiin deegartoota isaanii waliin suura wayita adabaabaayiitti ka'an mullatu.

Waliigalattis baayyinni namoota biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamanii gara miliyoona wallaakkaa gaheera.

Ameerikaatti ammoo lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii miliyoona 1.7 gaheera.