Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yeroo weerara koronaavaayiras kanatti Ingilaanditti poolisoota irratti hancufa tufuun ‘yaaddoo’ uume
Inglaanditti sababa koronaavayirasiin yeroo sochiin uggurametti poolisota irratti hancufa tufuun tarii haleellaa hojjetoota yeroo muddamaa irratti ga’aa jiru waliin wal qabata jedhu anga’oonni.
Gabaasii Kaawunsilii Hoggantoota Poolisii Biyyaalessa (NPCC) kan Inglaandifi Weelsi akka agarsiisutti, haleellaan kan waggaa darbeen yoo madaalamu ji’a tokko keessatti %14’n dabaleera.
Qondaalli poolisiin tokko haleellaan akkanaa wayiiloota isaa hojiif gadi ba’anitti ‘yaaddoo guddaa’ akka uume dubbata.
Akka NPCC jedhutti haleellaan akka kanaa kan baayyate shakkamtoonni yeroo poolisoota irratti tufanitti ''Covid-19 qaba jechuun dubbachaadha.”
Haleellaa koronaavaayirasiin wal qabatee hojjetoota yeroo muddamaa irra ga’een Ebla keessa namoota 300 ol irratti himanni banameera.
Qoondalli poolisii Notingamshaayer Antonii Biraayis, shakkamaa to’annoo jala olchuuf yeroo jedhanitti namni kun isaafi waayila isaa irratti akka tufe dubbata.
Boodarra Biraayis qorannoon akka Covid-19 hin qabne adda baafamus, yeroo bu’aa qorannoo eegaa turetti innifi maatiin isaa “hedduu yaadda’aa’ akka turan hima.
''Yeroo hunda yaddoon jira sammuu kee keessa,” jedha. “Keessumaa yeroo jequmsi wayii hawaasa keessatti uumamu namoota qaqqabuunkee hin oolu.”
Dabalataan haleellaan biyyaaleessa dabaluun isaa akka ‘isa hin ajaa’ibne’ kan dubbatu Biraayis kun sababa ‘sochii ugguruun namootni heedduu obsa dhabaa’ waan jiraniifi jedha.
Namni poolisoota irratti tufe, Daani’eel Hagertii, ganna 32, gocha isaa kanaaf hidhaan torban 32 irratti murtaa’eera.
Haleellaa akkanaa qondaaltoonni poolisii gameessa balaaleeffataniiru.
''Poolisoota ykn hojjattoota yeroo muddamaa irratti, tufuun, qufa’uun ykn ciniinuun yeroo kamittuu waan badaadha.
Garuu amma yeroo koronaavayirasiitti kana gochuun ammoo hammeenya,” jechuun hogganaan Poolisii Tames Vaalii Joon Kambeell duubbataniiru.
Humni poolisii qondaaltoota poolisii hundaaf meeshalee of eeggannoo dabalataa kana akka waan hancufa namarraa ittisu akka dhiyaate ibseera.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras