Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kanaadaatti namni poolisii fakkaatee dhukaasa bane namoota 16 ajjeese
Kanadaa bulchiinsa Noovaa Iskooshiyaa keessatti namni wayyaa poolisii uffachuun dhukaasa bane yoo xiqqaate namoota 18 ajjeessuu isaa poolisiin himeera.
Namoota du’an kana keessa dubartiin poolisii tokko ni argamti. Halleellaan saatii 12f adeemsifame kun kan dhabbatte erga konkolaatan baqqachuu yaalee booda. Namni halleella kana gaggeesses ajjeefameera.
Sanbata erga halleellan kun eegalee booda jiraattonni magaalaa Portapiik mana isaaniI keessa akka cufatanii turaniif gorfamanii ture.
Akka poolisiin jedhutti namni kun konkoolataa kan poolisii fakkaatu konkolaachisaa ture.
Namnichi kun bulchiinsa kana keessatti bakka baayyeetti namatti dhukaasaa waantureef aanga’oonni ammayyu lakkoofsa namoota du’anii adda baasuuf yaalaa akka jiran poolisiin Dilbata ibseera.
Ministirri muummee Kaanadaa Justin Tirudoo gocha kana ‘haalaan sukkaneessaa’ jechuun yeroo ibsu, bulchaan Noovaa Iskoshiyaa Isteefan Maakneel ammoo “seenaa bulchiinsa keenyaa keesssatti kun gocha hamaa raawwataman keessaa isa tokkoffaa, “ jechuun dubbataniiru.
Poolsiin akka jedhutti dhukaasi akka jiru kan jalqaba barani Sanbata waaree booda ture. Poolisiin Noovaa Iskooshiyaa namni haalleella kana raawwate maanguddoo ganna 51 Gabriyeel Wortimaan jedhamu ta’uusaa Tiwiitara gubbaatti beeksiseera.
Waajjira poolisii Kaanadaan nama qacaramee jiru miti garuu ‘waayyaa poolisii uffaattee jira’ jechuun poolisiin beeksiseera. Dilbatarra poolisiin “Konkolaataa isaafi kan poolisii gidduu garaagarummaan jira. Konkolaata kan poolisii fakkkaatuufi lakkoofsi gabatee isaa 28B11 ta’e yoo argitan hatattamaan poolisii beeksiisaa” jechuun Tiwiitara gubbaatti akeekkachiisa baasee ture.
Dabalataaniis “Namichi kun booda konkolaataa 'Shevrolet SUV' haalluu meetiitti geeddaruu isaa poolisiin beeksisee ture. Namichi haleellaa rawwaate kun akkamtiin akka du’e irratti poolisiin ibsa dabalataa hin kennine. Seerri meeshaa waraanaa qabaachuu cimaa waan ta’eef haleellaan akkanaa Kaanadaa keessatti badaa hin argamu.
Bara 2019tti, Kaaba Biriitiish Kolombiyaa keessatti dargaggooti yakkamoo ta’an lama namoota sadii ajjeessuu isaani amananii ture. Bara 1989'tti ammoo, baraataan kolleejii Kiiwbeek tokko dhirooti hundi daree keessa akka ba’an erga godhee booda dhukaasaa banuun dubartoota 14 ajjeesee ture.