Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Naannoo Somaalee iddoo boba'aan ba'utti dhibeen fayyaa hin beekamne mudachaa jira'
Naannoo Somaalee bakka dhaabbanni Chaayinaa tokko boba'aa baasaa jiru namoonni jiraatan dhibee fayyaa maalummaan isaa hin beekamneef saaxilamaa jiraachuu gaazexaan Ze Gaardiyaan jedhamu guyyoota muraasa dura gabaaseera.
Godina Qoraaheriitti bakkawwan Shilaaboofi Dabaa Wayin jedhamanitti rakkoon fayyaa kun akka argame ibsameera.
Dhibeen waliin isaa hanga ammaa hin beekamiin jiru kun bal'inaan tattamsa'eera bakka jedhamu Daboo Wayin bakka jedhamutti dhalatee kan guddate Ahimad Mohaammed, dhibeen kun waggoota ja'a duraa jalqabee mul'achuu akka jalqabe hima.
"Namni tokko torban guutuuf dhukkubsachuu danda'a. Iji isaa keelloo ta'a. Guyyoota muraasaan booda yeroo gara hospitaalaa deemu Kaanseriin qabateera ykn maal akka dhukkubsatu hin beekamu jedhamuu danda'a," jechuun haalli jiru hangam akka yaaddoo itti ta'u dubbata namni ganna 27 kun.
A L I bara 1997 dargaggoonni 14 ji'oota shan keessatti du'uu isaanii nan yaadadha kan jedhu Ahimad, umuriin namoota du'aniis waggaa 14 hanga 20 akka ta'an dubbata.
Ahimad akka jedhutti, namni dhukkuba kanaan qabame yeroo rafee hirribaa ka'u gurri isaa duudee ka'uu danda'a. Hanga kanaatti baayyee yaaddessaadha jedha.
"Maanguddoonni 25 ol ta'an Kaanseriidhaan du'aniiru. Eessumni koo hospitaalota Jigjigaafi Finfinneetti argamanitti wal'aanamaa jira. Hakiimonni hin fayyu waan jedhaniif gara Daboo Wayiniitti deebiyeera," jechuun rakkoo fayyaa maatii isaarra ga'e ibsa.
Hospitaala yeroo deemanis dhukkubichi maal akka ta'e akka hin beekamnedha kan nutti himamu jedha dargaggoon kun.
"Obboleettiin koo angafti daa'ima harkaafi miila hin qabneefi dubbachuu hin dandeenye deesse.
Ishee qofaa osoo hin taane, naannoo kanatti wantonni kana fakkaatan hedduun naannoo kanatti uumamaniiru.
Obboleessi koo quxisuun ji'oota shanan darbaniif dhukkubsatee ture. Kaleen isaa miidhameera waan ta'eef wal'aansaaf gara Hindii geessuuf yaadaa jiru," jedha.
Yeroo pirezedaantiin naannoo Somaalee duraanii Abdii Mohaammed Umar [Abdii Illee] aangoorra ture mootummaa naannoottis ta'e kan federaalaatti komii qaban kamiyyu dhiyeeffachuun hin danda'amu ture kan jedhu jiraataan kun, namni waa'ee mirga isaa gaafatu akka hidhamaa ture yaadata.
"Bakka boba'aan bahaa jiru kana dhaabbanni Chaayinaafi lotoonni Itoophiyaa hanga iddoo murtaa'e darbanii akka deemuun hin danda'amu jedhaniiru. Bakka daangeffame sana namni darbe ajjeefamuullee ni danda'a," jedha Ahimad.
Rakkoon isaanii kun hin hiikamiin turuu qofaa osoo hin taane osoo hin dubbatiinillee waggoonni dheeraan darbuu isaa dubbata.
"Amma erga Musxafaan aangoo qabatee waa'ee rakkoo kanaa dubbachuu dandeenyullee deebiin tokkollee nuuf hin kennamne.
Kampaanichi yeroo lafti gogaa waan akka biyyoo ykn akka shukkaaraa baasee dhangalaasa. Yeroo bokkaan roobu ammoo wanti adii kun lolaatiin bishaan lagaatti dabalama.
Namoonni ammoo yeroo bishaan kana waraabanii dhugan dhukkubichi isaan qabata.
Jaarsoliin naannoo Somaalee waa'ee dhukkuba kanaa pirezedaantii Somaalee bira deemanii itti himanii turan. deebii tokkollee hin arganne," jechuun komii qabu dubbata.
Jirattuun naannoo rakkoon kun itti uumame kan taate Fardoosaa Abdullaahiis waanuma walfakkaatu BBC'tti dubbatte. Fardoosaan dubartii ganna 36 yoo taatu haadha ijoollee torbaati.
"Dhikkubichi baayyee nu miidhaa jira; ijoolleefi dargaggotaallee ni miidha. Namni dhukkubichaan qabame qaamni isaa ni guba, fuula dhidhiitessa, batalumattis lubbuun darba.
Hiriyyaan kee kaleessa si waliin ture ykn hollaan kee ar'a dhukkubsachuu danda'a. Sababii dhukkuba kanaatiin namoonni arguu dadhabaniifi rakkoon fayyaa sammuu isaan mudate jiru," jetti.
Maatii ishee ta'uu baatus firoonni ishee dhukkubsatan akka jiran dubbatti Fardoosaan.
Akka isheen jettutti namni dhukkuba kanaan qabame carraan lubbuun hafuu isaa xiqqaadha.
Namni dhibee kanaan lubbuun darbe lakkoofsa isaa himuun na rakkisa kan jettu Fardoosaan dhibeen fayyaa kun dhaabbata boba'aa baasu waliin kan walqabate ta'uu akka malu BBC'tti himteetti.
Dhimma kana waliin walqabsiifne Itti-gaafatamaan Biiroo Fayyaa naannoo Somaalee Dr. Yusuuf Mohaammed, hanga ammaatti sababa dhaabbata boba'aa baasuun walqabatee namni dhukkubsate ykn namni lubbuun isaa darbe jiraachuu odeeffannoo mirkanaa'aa akka hin qabne BBC'tt himan.
Wanta kana qulqulleeffachuudhaafis mootummaa federaalaa waliin dubbachuudhaan namoota qaamota gara garaa keessaa baba'an gara naannoo sanaatti akka imalan Dr. Yusuuf eeraniiru.
Kana waan ta'eef ogeessonni ergaman qorannoo taasisanii yoo dhufaniin alatti, ofii isaaniitiin wanti beekan akka hin jirre ibsaniiru.
"Buufataaleen fayyaa, hospitaalotaafi aanaaleen naannoo kanatti argamanirraa yeroo yerootti gabaasni nu qaqqaba; haata'u malee wanti haaraan hanga ammaa naannichatti ta'e hin jiru," jedhu Dr. Yusuuf.
Namoonni dhukkubsatanii gara dhaabbileen fayyaa deemanillee wanti kanaan dura turerraa adda ta'ee rakkoo fayyadha jedhame hin jiru jechuun BBC'ttif ibsameera.
Sababii jireenyi hawaasaa jijjiiramaa dhufeef dhukkuboonni akka busaa, TB, dhibee sombaa biroo, kaanserii akkasumas hir'nni nyaataafi dhukkuboonni daddarboo yeroodhaa gara yerootti babal'achaa dhufuu isaanii kan eeran Dr. Yusuuf, kun garuu naannoo biraa irraa adda ta'ee kan ilaalamu miti jedhu.
"Dhukkuboonni kunneen babal'achuun hojii boba'aa baasuu waliin walqabata kan jedhu adda baasanii beekuudhaaf gareen ogeessotaa gara sanatti imalu qorannoo erga gaggeessee dhufee kan baramu ta'a," jedhan. "Garuu ammoo kanaan dura bakkawwan sanatti wantonni kana fakkaatan mul'atanii hin beekan," jedhan.
"Naannoo boba'aa baasan sanatti keemikaalonni fayyadaman ni jiru. Yoo xiqqaate Salfariik Asiidii ni fayyadamu. Jaarkaanii keemikaala kana ittiin deddeebisan fudhatanii namoonni ittiin bishaan waraabbatan ammoo jiru.
Kun ammoo miidhaa fayyaa fidu ni qabaata. Naannoon sun kan dallaan itti ijaarame ta'ullee dhangala'aan achi keessaa bahu margaafi biqiltuuwwan ni balleessa, " jechuun ibsu aanga'aan kun.
Sababii kanaafis wanta naanno sanatti uumamurraa kan ka'e horsiise bultoonni naannoo sanatti dhiyaatan miidhamtoota jechuunis ni ibsu.
Ministeera Albuudaafi Inarjii federaalaatiin bakka akkasiitti of-eegannoon dursaa barbaachisu akka taasifamu hojjetamaa jiraatus, dhaabbileen boba'aa baasan ammoo of-eegannoo barbaachisu hojiirra oolchaa jiruu kan jedhuufi miidhaa qaqqabe jedhame beekuudhaaf kan danda'amu ammoo erga qorannoon gaggeeffamee booda ta'uu Dr. Yusuuf ni dubbatu.
የ