Quwaadin Bayiles: Awustiraliyaatti daa'imni gabaabbachuusaaf qoccolame tumsa birmannaa hedduu argate

Viidiyoon daa'ima ganna sagalii dinkii tahuu isaatiif qoccolamuun dhiphina jabduu keessaa seenuusaa agarsiisu erga baayi'naan toora intarneetiirratti qoodamee biyyoota addunyaa garaagaraa irraa tumsa bira dhaabbannaa argateera.
Viidiyoon daa'ima ganna sagalii mana barnootaatti dinkii tahuu kootiif miidhaa narraa qaqqabsiisuuf doorsifameera jedhee boo'ee himatu abbaan isaa Yarraaka Bayiles toora intarneetiirratti maxxanse.
Viidiyoo kanarratti daa'imni kun of ajjeesuu akka barbaadu dubbate. Haatii daa'ima kanaas 'Waan qoccollaan qabu kunooti ' jette dubbatte.
Viidiyoon kun si'a miliyoona 14 ilaalame. Kana booda birmannaa hedduutu itti roobeef, dhaamsa si wajjin jirra jedhu#WeStandWithQuaden irratti namoonni hedduu ergan.
Namoonni bebbeekamoon kanneen akka taatoo filmii Huug Jaakmaan fi taphataa kaachoo Inis Kanter dabalate, namoonni hedduu si cina jirraa jedhaniin.
Maatiin daa'imman biyyoota garaagaraa jiraatan dhaamsa viidiyoo kanaa ijoollee isaaniif qoodan.
JaakMaan Quwaadiniif dhaamsa ' amma beektu olitti ati cimaadha ' jedhu barreessuun ,' namni kamiyyuu arjaa ta'uu qabu' jedhee barreesse.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1

Vidiyoon daqiiqaa 6 dheeratu Kibxata maxxanfame kun guyyaa guyyaatti qocollaa daa'imni isa mudatu kan agarsiisu ture.
Maatiin daa'ima kanaas hawaasa ganamaa Awustiraaliyaa Qiwiinslaand jiraatu dha.
Haati daa'ima kanaa daai'ma koo qoccolamusaa argee mana barnootaatiin baase -Namoonni akka beekan kanan barbaadu maatii, basiistonnis kuni bu'aa qoccollaa ta'uun isaa akka hubataniif jettee.
'Guyyaa guyyaadhaan waanti uumamu jira, qoccollaa haaraa, dubbi mufachiisuuf dubbatamu' jette.
Ijoollee, maatii fi hiriyyoota keessaan waa'ee kana barsiistuu? 'jette
#StopBullying irratti namoonni muuxannoo dhuunfaasaaniis qoodudhaan, Quwaadin 'jabaadhu jedhanin.
Daa'immaan hedduun biyyoota garaagaraa jiraatan dhaamsa hiriyummaa daa'ima kanaaf qoodaafii turan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2

Xumura maxxansa X, 3

Komdiyaaniin Ameerikaa Biraad Wiliyaam jedhamu akka daa'ima kanaa baay'ee gabaabaa ta'e guyyaa tokkotti fandii maallaqaa $130,000 (£100,000) walitti qabeefi jedhe.
'Quwaadinif miti, namoota qoccollaan walfakkaatu jireenyasaanii keessatti irra qaqqabee fi tuffataman hundumaafi' jedhee barreesse.
'Quwaadini fi namoota birootti addunyaa kanarratti waan gaariin akka jiruufi argachuu akka qaban itti agarsiisuu qabna' jechuun barreesse.
Ilmi pirezadaantii Ameerikaa Erik Tiraamp vidiyoo kanaan 'laphee nama kan cabsuu 'jechuun barreesse.