Guyyaa Afaan Dhalootaa: Beela'een jira, nyaachuun fedha afaanota kudhaniin akkamiin jedhu?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Har'i guyyaa afaan dhaloota addunyaati.
Maxxanfame

Guyyaa Afaan Dhalootaa Addunyaa Dhaabbata Gamtoomanitti Dhaabbanni Barnoota, Saayinsiifi Aadaa - UNESCO'n yaadamee oola. Kan baranaas ergaa 'Afaanota daangaa malee' jechuun yaadatamee oola.

Waajjira BBC Afrikaa Bahaa, Naayiroobii Keeniyaatti argamu keessa hojjettoota biyyoota garagaraarraa dhufan hedduutu jiru.Gaazexeessitoonni BBC Shaaron fi Daraartuu 'beela'een jira. Nyaachuun fedha,'' ka jedhu afaan isaaniin maal jechuu akka tahe, gaazexeessitoota waajjirichaa gaafataniiru.