Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin Ikiwaadoor dubartoonni 'qoccoollaa dhiira fokkisaa qofaa gabaasu' jedhan
Pirezidaantiin Ikiwaadoor dubartoonni 'qoccoollaa dhiira fokkisaa irraa dhufuu qofaa gabaasu' jechuun walgahiirratti dubbachusaaniif dhiifama gaafatan.
Pirezidaantichi yaada kana yaa'ii magaalaa Guyaakuweel keessatti qophaarratti erga Jimaata tare kennanii kaasee intarneetiirratti mata duree ijoo ta'anii turan.
Pirezidaantiichi walgahiidhuma sanarratti warreen dhiiraa himannaa qoccoollaa sobaa dubartootaan irra gahuun walitti fufiinsaan dhiibbaan irra gahaa jiras jedhanii ture.
Erga komiin irratti dhiyaatu baayyateen booda garuu, ''ani dhimmi qoccoollaa ykn miidhaa isaa gadi xiqqeessuuf yaadee hinturree'' jechuun tiwiitara gubbaatti barreessaniiru.
''Yoo haala kanaan kan hubatame ta'e ammoo dhiifaman gaafadhas'' jedhaniiru. ''Miidhaa dubartootarra gahuu kamiyyuu hinfudhadhuu!''
Moreno maal jedhan?
Magaalaa guddiitti lammaaffaa kan taatee keessatti haasaa konfaranii tokkorratti guyyaa Jimaataa taasisaniin, pirezidaantichi ''warri dhiiraa dhaabbataan himannaa qoccoollaa saalaatiif kan saaxilamaniidha'' jedhanii turan.
"Yeroo baayyee dubartoonni qoccoollaa ni gabaasu, kunisi sirriidha. Isaaniis yeroo baayyee osoo dhimma qoccollaan kanatti ''namoota fookkisoo ta'aniitti hin aariin'' osoo gabaasanii gaariidha jedhan.
"Kana jechuunis dubbichi yoo dhiiroota fokkisoo ta'an irraa dhufee 'qoccoollaa' ta'a jechuudha'' jedhan. ''Garuu ammoo yoo namtichi kan bareedu ta'ee ...yeroo baayyee akka qoccoollaatti hin fudhatan.''
Fayyadamaan tiwiitaraa tokkoo akka barresseetti: ''Akka Lenin Morenootti dubartoonni qoccoollaan kan gabaasan namtichi miidhaa qaqqabsiisee 'fokkisaa' yoo ta'e qofaadha. Amma ittisa miidhaa sarbama saalaa irraa maaliif akka doolaara kuma 876 akka hirrisan ifa ta'eera. Sababii kanaatiif jireenyi keenya gatiidhabee.''
Kan biraas ammoo: ''Nama baayyee dubartootaaf jibba qabuun bulfamaa jirra!'' jettee jirti.