Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhiirotni yeroo du'an isparmii isaanii akkuma ijaafi kalee akka arjooman hayyamamuu qaba jedhe qorannoon
Dhiiroti erga du'anii booda isaprmiin isaanii akka kennamu hayyamamuu qaba jedha qorannoon.
Xiinxalli Barruu Meedikaal Etiiks UKtti bahe akka agarsiisutti, isparmii gahaa tahe qabaachuuf namoonni erga du'anii booda isparmii isaanii arjoomuuf gama 'namuusaan' isaaniif hayyamamuu qaba jedha.
Bara 2017, ijoolleen 2,345 isparmii arjoomaan kennamerraa dhalataniiru.
Haa tahu malee sababii seerri cimaa jiruuf garuu hanqina namoota arjoomanii guddaatu mul'ata.
Isparmiin namni erga du'ee booda, si'eessituu elektiriikii fayyadamuun yookiin wal'aansa baqaqasanii hodhuutiin fudhatamee boodarra cabbaa'ee akka tahu godhama.
Oduu biroo kanatti dhiyaataniif:
Akka ragaan agarsiisutti isparmiin namoota du'anirraa sa'atii 48 keessatti yoo fudhatame ulfa fayyaalessa taheefi daa'ima nagaa qabeessa argachuu ni danda'ama.
Doktar Naataan Haadsan Yunivarsiitii Leestariifi Dr Jooshuwaa Paarkar Maanchistar irraa akka jedhanitti arjoomnii isparmii kuni akkuma kutaa qaamaa kennuutti lakkaa'amuu qaba jedhu.
''Namoonni gidiraa namoota kaanii furuuf tishuu yookiin kutaa qaama isaanii ni arjoomu, kuni yoo fudhatama argateef karaa rakkoo namoota dhala argachuu hin dandeenye ittiin gargaarru dha,'' jedhu.
Haa tahu malee, dhimma hayyamaa, deeggarsa maatii guutuu argachuufi eenyummaa nama kennee beeksisuufi dhiisuu irratti gaaffii kaasuu danda'a jedhan.
Baankiin isparmii UK tajaajilu bara 2014 gargaarsa mootummaa yuroo 77,00 baname.
Haa tahu malee yeroo waggaa lamaa gaditti baanikchi hojii dhaabee cufame. Erga banamee namoota sagal qofatu isparmii kennuu dhaaf galamaa'ee isaanis boodarra didani.
Bara 2005 irraa kaasee seerri arjoomtoota isaparmiif bahe akka jedhutti, ijoolleen isaparmii kenname irraa dhalatan waggaa 18 yeroo guutan mirga nama irraa dhalatan argachuu danda'u.
'Rakkoo nama qooduu'
Kana dura isparmii isaa arjoomee kan beeku Jeefrii Ingoold, jiraataa Landan yoo tahu namoonni erga du'aniin booda Isparmii isaanii akka arjooman hayyama kennuun arjoomtonni akka baay'atan godha jedha.
''Kana hayyamuun maaliif akka ulfaate hin beeku, ani yeroon kenne garuu hiriyyaa koo akkan gargaaretti natti dhagahame,'' jedheera.
''Namoonni waa'ee adeemsa isaa yoo baraniifi murtoo odeeffannoon deeggarame yoo taasisan isparmii arjoomuu ni danda'us,'' jedha.
Piroofeesar Alan Paasii Yunivarsiitii Shiifiild irraa immoo, '' dargaggeeyyii fi namooti fayyummaa gaarii irra jiranii yoo arjooman daa'imnillee erga dhaltee booda nama irraa dhalate araguuf carraan isaa ni dabala,'' jechuun falmu.