Taayilaanditti richiitii gammachuu waggaa haraa ibsachuuf dhuka'een namni du'e

Maxxanfame

Namichi lammii Biriteen kabaja ayyaana waggaa haaraa Taayilaand irratti balaa richiitiin du'uu isaa poolisiin biyyattii beeksiseera.

Geerii Makleeran, magaalaa Pattaya keessatti richiitii qabsiisuuf utuu yaaluu ture kan irratti dhoka'ee du'e.

Gaa'eessi ganna 50 kun bakkuma sanatti waggaan haaraa akkuma seeneen lubbuun isaa darbe.

"Naannoo halkan walakkaatti Makleeran yeroo jalqaba richiitii qabsiisuuf yaale didee ture. Sana booda battala dhuka'ee achumatti ajjeeseen," jechuun poolisiin turistii Taayilaand Lt kol Somboon Ua-Samanmitree dubbateera.

Makleeran kanaan dura Taayilaand daawwatee kan beeku ta'us yeroo kana guyyaa ayyaana waggaa haaraa kan guyyoota muraasa dursuun ture biyyattii kan gale.

Namootni hedduun gadda isaanii midiyaalee hawwaasummaa irratti ibsaniiru.

Poolisiifi lubbu baraartonni yeroo bakka balaa kanaa ga'anitti Makleeraniifi namootni biroo hedduun fuularra mada'anii lafatti kufanii akka argan 'The Bangkok Post' gabaaseera.

Richitiin guddaas bakkichatti argameera.

Namootni balaa kana ijaan argaan Makleeran richiitii qabsiisuuf yaalee erga jalaa fashala'ee booda tasa akka dhuka'e dubbataniiru.

Makleeran ayyaana kana hiriyyoota isaa waliin kabajaa ture.