Gurraacha ta'uun akka turistiitti biyya biraa daawwachuun mudannoo addaa qabaataa?

Maxxanfame

Gurraacha ta'uun akka tursitiitti biyya biraa daawwachuuf imaluun mudannoo addaa qabaataa laata?

Sababiiwwan adda addaatiin walqabatee dargaggoonni gurraachoonni maatii isanii caalaa imala biyya biraatti ni taasisu. Yeroo boqonnaa isaanis bashannaanuufi biyyoota biraa daawwaachuuf dabarsaa jiru.

Imaltoota gurraachoota keessaa namoonni hafu waan isaan mudate BBC'tti himaniiru.

''Riifeensa dhabuun, haalluu diimaa hidhiitti dibachuun, gurraacha ta'uun kiyyaaf bakka hundatti adda baafameen mulladha,'' jetti Jaasikaa Naabongoo yeroo BBC'tti dubbattu.

''Keessattuu wayitan biyya Hindii Taaj Maahaal daawwachuu deemeetti na waliin suuraa ka'uuf hiriiraa turan. Bayyeenis jireenya isaaniitti nama gurraacha arganii akka hibeekne natti himan. Yeroo muraasaan booda baayyee na aarsee ture.''

Isheenis karoorashee biyyoota addunyaa hunda daawwaachuuf qabaachaa turte fiixaan baafachuun dubartii gurraattii jalqabaa taatee jirti.

"Paasportii biyyoota Ameerikaa, paasportii Yungaandaa qabaachuun kiyyaa baayyee na fayyadeera," jetti.

Haaluma walfakkaatuunis Liiz, Bironaa, Koojoofi Jees waa'ee mudannoofi muxannoo turstii gurraachaa ta'uu saanii maal akka fakkaatu BBC'tti himaniiru.

'Suuraa kaafachuuf kanfaltii raawwachuun qaba'

"Wayitan ijjoollee tureetti gurraacha ta'uu kiyyaan attamiin akkan hubatamu hin beekun ture. Yaaddoofi sodaan maatiin kiyyaafi namoonni gurraacha ta'an jireenya kiyya keessa kaa'an jira," jetti Liiz Ogbonnaa -Goodfirii.

"Amma garuu ilaalchaafi yaada namootaa nan keessummeessa. Akkasumas muuxannoo biyyoota biraa daawwachuun argamu hubachuu eegaleera," jetti shamarreen umuriin waggaa 28 fi kan maatii Naayijeriyaarraa Landaniitti dhallatte kun.

"Biyya Chaayinaatti muuxannoo hedduu gaarii ta'een dabarse. Aadaafi nyaata isaanii baayyeen jaaladha.

Biyyi Kuubaas biyya biraa Liiziin imala isheetiin baayyee jaalateedha, ''Achitti gonkumaa akkan tursittii ta'ee natti hindhagahamne. Baayyee bilisummaatu natti dhagahame ture," jetti.

''Isaan waliinis shubbisuun aadaa isaanii waliin dhamdhameera.''

Biriyoonaa Laambaak, shamarree umurii waggaa 24 yoo taatu, Meeriilaand Ameeriikaatti barreessituu firiilaansariiti.

Isheenis dhaloota darbaniif kabaja keennuun nan barbaada jetti, keessumaa waan carraa amma isheen argattee kana argachuu hindanda'iin darbaniif.

"Imalli keenyaa seenaansaa baqannaafi kolonneeffamuutti hidhata qaba. Fedhiifi bilisaan imaluu keenyaaf akkaakkayyuuwwan keenyaaf kabajaafi ulfina kenniinaaf."

Biriyoonaan biyya Fillippiin keessatti yaadannoo baraa jireenyaa isheetti karoorfataa turte akka argattee himti.

''Akaakayyuun abbaa kiyyaa gurraattiifi lammii Filipphiin turan. Kanaafuu, umamaan biyya kanaaf hidhatan qaba jechuudha," jetti.

''Dhugaattiis baayyee gammachuun natti dhagahamuun namoota amanuudhaaf hin rakkannee ture.''

'Hundi keenya waliin jiraachu ni dandeenya'

Kunis yaada Kojoo Biraawon, dargaggeessii umurii isaa 27 ta'e itti walii galuudha.

"Namoota haaraa kan imala kiyyaa kan hin dagatamne naaf taasisaniin wal arguu kiyyaatti baayyeen gammada," jechuun BBC'tti himee lammiin Biritish dhalootaan garuu Gaanaarraa ta'e kun.

Imala isaa dhiyeenyaatii Afriikaa Kibbaarraa gara Siwaaziilaanditti taasiseera.

Akkasumas Raashiyaa, Silovaakiyaafi Chaayinaa dowwachuu isaa hima.

"Sababii sanyii kiyyaaf jecha biyyiin itti deebii'uuf didu tokkoyyuu hinjiru,'' jedha Koojoon.

''Biyyoota namoota gurraachi baayyee xiqqaa itti ta'ee keessatti namootaan wal baruufi hundi keenyaa waliin jiraachu akka dandeenyu itti agarsiisuun baayyee barbaachisaadha.''

'Nama gurraacha miti- nama malee'

"Nuti walumaa galatti namoota gurraacha bakka buuna,'' jetti Jeesikaa Anyaan -Biraawoon oggummaan doktara kan taateefi Landan irra kan dhufte.

"Waa'ee riifeensa kiyyaa namootatti himuun baayyee kan dadhabsiisu ture.''

Kan amalees, namoonni gurraachoonni hundii akka waan Afriikaa-Ameeriikaa ta'an qofaatti ilaalan jiraachu himti.

''Lammiileen Birishi garuu kan gurraacha ta'aan jiraachuu hin beekan. Ilaalacha akkasiitu jira.''

Biyya maatiin ishee irraa dhufan Gaanaa dowwachuun ammoo waan Jeesikaa caalaa gammachisee keessa tokko. ''Achi dhaquu jechuun, ati gurraachaa miti garuu nama ta'uu jechuudha. Kunis waan nageenya dhugaa naaf kenneedha,'' jetti.

''Miirrii 'mana jalqabaa' jedhu mataansaa baayyee cimaadha. Dhugaattis bakka kam irraa akka taate baruun barbaachisaadha. Innis waan ati hojjattu hunda kallattii siif qabachiisa.''

rakkoolee inni qabaatuun alattis, qaama imaltoota dargaggoo gurraachaa ta'usheetti baayyee akka boontu himti Jeesikaan.

''Imalli kun jireenya kiyyaa ifa naaf waan kenneef waan hunda argachuun akkan gara mana kiyyaatti deebii'eetti dubbachuun danda'a.''

''Yoo aduun qaama kiyyatti bahu, gogaan kiyya ni googa. Kanarras, waanan kanan danda'ee hunda abooruu barbaadeef baayyee gammachuutu natti dhagahama... Kana kana fakkaatu gammaachuun biraa kan jiru natti hinfakkaatuus.''