Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waldhabdee Meeksikoo: Poolisoonni 12 torbee tokko keessatti ajjeeffaman
Torbee lama keessatti naannoo giddu-galeessa Meeksikoo 'Guanajuato'tti poolisoonni kudha lama ajjeeffaman.
Poolisoota ajjeeffaman keessa tokko kan taate Maariyaa Sooniyaa Areellaanoon magaalaa Iraapuutoo keessatti abbaa warraafi ilmashee waliin ugguramtee turte.
Booda ishee ajjeefamtee abbaan warraafi ilmshee gad dhiifamanis reeffishee garuu gatamee argame.
Gareen yakkaa jabaan 'Cartel Jalisco Nueva Generación' jedhamu ajjeechaashee duuba akka ture himeera.
Ajjeechaan Aadde Areellaanoo kan ji'oota muraasa dura hojiisheetiif badhaasa aragatte Meeksiikoo keessatti iddoo ajjeechaan qaamota nageenyaa hin baramnetti dallansuu guddaa kaaseera.
Poolisiin ganna 47 taate kun manasheetii gaafa Kibxataa nama hidhateen ture kan fudhatamte. Ilmishee ganna 27fi abbaan warraashee poolisii ta'e ammoo guyyaa itti aanu gad dhiifamanis ishee garuu ajjeeffamtee reeffishee daandii baadiyyaarratti argame.
Aadde Areellaanoon hirriyoota hojiisheetiin akka nama "homaa hin sodaannetti" beekamti turte. Isheenis gurgurtaa seeraan alaa qorichaafi hattoota zayitaa adamsuu keessatti gahee guddaa taphattee jirti.
Poolisoota dubartoota torbe kana ajjeefaman keessaa Maariyaa Sooniyaa qofa miti. Gaafa Sanbataa namni hidhate tokko poolisoota hojiirra jiran lamarratti dhukaasa baneera.
Isaan keessaa Gabriela Núñez Duarte yeroo sanitti duutus hirriyaan ishee yeroos waliin turte garuu madooftee jirti.
Poolisiin dhiiraa biraas gaafa Kamisaa Iraapuutoo keessatti ajjeefameera.
Daldaltoonni daldala qorichootaa sammuu namaa adoochan magaalota ollaatti gurguran hojii to'annaa poolisii kana dura dhaabbachuun isaa ni himama.
Hidhattoonni Cartel Jalisco Nueva Generación haleellaa gaafa Roobii waajjira poolisii magaalaa Viillaagiraan, kan magaalaa Iraapuutoorraa fageenya kiiloo meetira 50 irratti argamturratti raawwatameefis harka keessaa qabu.
Namni hidhate kun waajjira poolisii keessatti sa'aatii miseensoonni gariin oolmaasaanii xumuranii bahaniifi kanneen biroo ammoo hojiisaanii jalqabuuf ta'anitti haleellaa raawwateen poolisoonni sadi ajjeeffamanaiiru.
Dabalataanis poolisoota afur ugguruunis qaamnisaanii booda argame.
Poolisoonni lama biroos magaalaa Liyooniifi Seelaayaa gaafa Hagayya saddeet ajjeefamuun lakkofsi du'aa akka gara kudha lamatti ol ka'u taasiseera.
Bulchiinsi qeeqame
Yeroon pireezidaantiin Andiras Maanuu'eel Loopeez Obrador filannoorratti dorgaman "lola sababa gurgurtaa qorichaan" dhufu nan hambisa jedhee ture.
Yakkoota kanneen ittisuuf wixineesaa keessaa tokko kan ta'e humna Nageenyaa Biyyaaleessaa hundeessuu ture.
Ta'us garuu muraasni humna nageenyaa kanaaf miseensa ta'anis muraasni immoo lubbuusaanii sodaaf diddaniiru. Muraasnis gara daangaa kibbatti ergamuun baqattoota gara Ameerikaa baqatan irratti hojjachaa jiru.
Wixineen pireezidaantichaa ajjeechaa torbe lamaan darbe keessatti mudateen qeeqamaa jira.