Haleellaa Koongootti qaqqabeen lammileen nagaa ajjeefaman

Lammileen nagaa garee filciltootaa Koongootiin ajjeefamaa jiru

Madda suuraa, JOHN WESSELS

Maxxanfame

Aanga'oonni Baha Dimokiraatik Rippaabilika Koongoo akka jedhanitti ,haleellaa gareen finciltootaa Sanbata darbe halkan raawwataniin yoo xiqqaate namoonni nagaa 22 ajjeefaman.

Akka ibsa aanga'oota kanaatti ,ganda magaalaa Beeniitti dhiyoo jirtu keessatti haleellaan kun qaqqabe.

Haleellaan kun kan raawwatame Humnoota Dimokiraatikaa Waltumsan (Allied Democratic Forces (ADF)) jedhameen ta'uun gabaafameera.

Loltoonni Koongoo dhiyeenya kana garee garee finciltootaa kanarratti haleellaa banananii turan garuu kana gochuun isaanii haleellaan caalaan akka namoota nagaa irratti hammatu taasiseera.

Gareen finciltoota ADF ta'uun shakkaman kun gajarafi qawwee qabatanii ture kan namoota ganda Nitombii jedhamtu Sanbata galgala haleelan.

Aanga'oonni naannichaa akka jedhanitti namoonni osoo baqachaa jiranii ajjeefaman jiraachuu waan malaniif amallee reeffa namootaa baarbaadaa jirra jedhan.

Gareen finciltootaa Ugaandaa keessaa waggaa digdamaan dura ijaaraman kun yeroo ammaa kanatti ajandaa siyaasaa ifa ta'e hin qaban.

Kutaa Bulchiinsaa Kaabaa Kivuu jedhamtu keessatti gandoota baay'ees haleelaniiru.

Ji'a Onkoloolessaa keessa erga loltoonni Koongoo garee finclitootaa kanarratti duuluu jalqabanii namoonni nagaan dhibba tokko ol ta'an ajjeefamuun gabaafameera.

Kutaa Bulchiinsaa Kibba Kivuu keessatti ammoo loltuun namoota 2,000 ta'an hidhuu isaa dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii himeera.

Bakka namoonni itti hidhamanii jiran kana keessatti ammoo haalli jiru hammaataa ta'uu isaarraa kan ka'een namoonni gariin akka du'anilleen ni himama.