Jijjiirama Qilleensaa: Gireettaa Tenberg fi Donaald Tiraamp 'si arge diina arge' waliin jechaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Gireettaa Tenberg jedhamti. Shamarree umurii xiqqaa, waggaa 16n, jijjiirama haala qilleensaa irratti sagalee cimaa dhageessisuudhaan akka addunyaatti dhiibbaa uumaa jirtudha.
Duula bal'aa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa gaggeessaa jirtuun mootota addunyaa baayyee waliin morkii keessa galteetti.
Keessumaa pirezedaantii US Doonaald Tiraamp waliin 'si argee diina arge' waliin jechaa kan jiran fakkaata.
Maaliif?
Gireettaa Tenbergiifi mootonni addunyaa kanaa walitti mufachuun kun kan jalqabaa miti.
Gireettaan Pirezidaantii Biraazilii hanga pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampitti kan shamarreen kun hin aarsiin hin jiru.
Pirezidaant Tiraamp Gireettaan barruu Taayimsirratti "nama cimtuu baranaa" taatee filatamuun ishee akka malee isa aarseera.
Aarii isaa kanas dhageessifachuudhaaf pirezidaantichi fuula Tiwiitera isaanii banatanii ciiganiiru.
Gireettaa eeruudhan, "rakkoo aariishee to'achuutu irraa mul'ata" jechuun erga barreessanii booda, "akkuma duriishee hiriyyaashee waliin mana siniimaa deemuutu isheerra jira," jedhan. Itti dabaluun, "Yaa Gireettaa of gadhiisii basha'i" jedhaniin.
Gireettaanis deebii karaa Tiwiiteraan deebisuudhaaf yeroo itti hin fudhanne.
Akkas jechuunis Pirezidaant Tiraampiif deebii kennite: "Intalli ol-adeemtuun tokko aariishee to'achuudhaaf hojjechaa jirtu. Yeroo ammaa kanattis fiilmiiwwan turan hiriyyaashee waliin daawwachaa jirti."
Shamarreen ganna 16 kun jijjiirama haala qilleensaa irratti mormii dhageessisuun dhiibbaa uumaa jirtuun Barruu Taayimsi irratti 'nama cimtuu bara kanaa' ta'uun filatamtee Roobii darbe badhaafamtee turte.
Badhaasa Noobeelii Nagaa irrattis MM Abiy waliin hanga dhumaa morkataa turte.
Gireettaan kan Pirezidaanti Tiraamp dabalatee mormii mootota biroo irraa isheerra ga'u karaa fuula Tiwiiteraa deebisuun ishee kun kan jalqabaa miti.
Kamisa darbe Gireettaan jecha afaan Poorchugaaliin fuula Tiwiitera isheerratti "pirralha" jedhu barreessiteetti.
Hiikni jecha kanaa ammoo "waan hunda anaaf" jechuudha ykn ammoo daa'ima horii namaa naaf jedhee boo'u akka jechuuti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Shamarreen kun jecha kana kan barressite Pirezidaantii Biraazil irra fudhatteeti.
Pirezidaantiin Biraazil Bolsonaaroon ammoo kana kan jedhan erga Gireettaan ummata Biraaziil warra jalqabaa ilaalchisee yaada ishee kenniteen boodadha.
"Gireettaan Indiyaanonni bosona guddicha Amaazoon balaa ibiddaarraa oolchuudhaaf yeroo qabsaa'anitti wareegamaniiru jechuu isheetiin dhaabbileen sabaa himaalee intala xiqqoo 'waan hunda anaaf jettu' kanaaf xiyyeeffannoo kennuun waan nama ajaa'ibudha," jechuun dubbatanii turan.
Gireettaanis baatii Onkoloolessa keessa karaa fuula Tiwiitera qeeqa irratti ka'eef deebii kenniteetti.
"Yeroo gaariiidha. Ol-adeemtuu odeeffannoo gahaa hin qabne," jechuun barreesitee turte.
Kana ammoo kan barreessite Pirezidaantiin Raashiyaa Putiin kora biyya isaaniitti yeroo darbe gaggeefamerratti kan ishee ibsanirratti ture.
Fulbaaana darbellee Pirezidaant Tiraamp kora Biyyoota Gamtoomaniirratti dheekkamtee yeroo isheen dubbattu viidiyoo agarsiisu maxxansanii, "ol-adeemtuu gara fula duraatti yeroo ifaafi gaarii ta'e kan eeggatu fakkaatti,' jechuun itti qoosanii turan.
Isheenillee eenyuti eenyuun gadi jechuudhaan, "ol-adeemtuu gammachuu qabdu gara fuula duraatti yeroo ifaa ta'e eeggattu" ergaa jedhu fuula Tiwiitera isheerratti barreessiteetti.














