Daa'imni Beeljiyem waggaa saddeetiin yunivarsitii galee ture barnootasaa addaan kute

Maxxanfame

Barataan cimaa lammii Beeljiyam ji'a kana yunivarsiitii Neezarlaand irraa eebbifamuuf ture barnoota isaa addaan kuteera.

Maatiin barataa Loorent Saaymans umriinsaa waggaa 9 otoo hin guutiin gaafa guyyaa dhalootasaa Muddee 26 eebbifamuun daa'ima waggaa 10 gadii isa jalqabaa akka tahu barbaadu ture.

Haa tahu malee Yunivarsiitiin Endhoovan eebbifamuun dura qormaata fudhachuu qabu baayyeetu jira jedhe.

Oduu kanatti dhiyaatan biroo kanneen keessaa filadhaa dubbifadhaa:

Maatiinsaa walakkkeessa bara 2020 akka eebbifamu gaafatamnaan didanii mana barumsaa irraa baasan.

Loorent silaa barnootasaa elektirikaal injinariingii baatii 10 keessatti xumuruun nama waggaa 10tti eebbifame isa jalqabaa taha ture.

Abbaan barataa Loorent, Aleeksaandar Saayimans yunivarsitiin daa'imnisaa itti baratu miidiyaadhaaf waa'ee mucaa kee baayyee odessitaa jechuun na komateera jedha.

''Miidiyaatti baayyee odeessuudhaan daa'ima keessan irratti dhiibbaa taasistanittu akkanatti itti fufnaan ogeessa sammuutiin qorannoon taasifamuu qaba nuun jedhe yunivarsiitichi jechuun miidiyaa Daachiitti himan.

''Otoo mucaan kun kubbaa taphata tahee karaa miidiyaa waa'een isaa himamuun waan dansaa taha ture. Mucaan koo dandeettii addaa qaba. Isaan maaliif boonuu dadhabne?'' jedhe abbaan

Fuula Instaagiraamii Loorent Saayimans irrattis suuraa imeelii univarsiitiin barreesse agarsiisu maxxanfameera. Barreefamichi garuu yeroo maatiin barbaadanitti akka eebbifamu kan eeru ture. .

Yunivarsitiin Endhoovan, Loorent barnoota isaa waggaa 10 otoo hin guutiin xumuruun gaarii hin tahu sababiinsaa dandeettii ''waa uumuu, xiinxaluufi qorachuu'' guddifachuu qaba jedha.

Yunivasiitichi daa'imarra dhiibbaan hin barbaachisne irratti taasifamaa jira malee mucaan dandeettii addaa qaba, jedheera.