Ajjeechaa buufata galaanaatti raawwateen US barattoota Sa'uudii balaliisuu dhorkite

Maxxanfame

Yunaayitid Isteet buufata humna galaanaa bulchiinsa Filooridaa Pensaakolaatti haleellaan namoota sadii erga galaafate booda lammiileen Sa'uudii buufatatichatti leenji'aa jiran akka hin balaliisne dhorkite.

Barattoota aviyeeshinii Sa'uudiif balaliin dhorkamus daree seenanii barachuu garuu ittuma fufu.

Murteen kun Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Maark Esper akkaataa haleellaan raawwate akka qoratamu ajaja erga dabarsanii booda kan dhagahame.

Ajjeechaa Jimaata darbe humna qilleensaa Sa'uudi sadarkaa liwtanaanti qabun raawwaten loltoonni bishaan gubbaa ergama raawwatan sadii yeroo ajeefaman poolisoota lama dabalatee namoonni 8 immoo madaa'aniiru.

Ajjeechaa kana kan raawwate Mohaammad Alshamraani yeroo ta'u achuma buufata humna galaanaa bishaanitti leenji'a ture.

Loltuun umrii 21 kuni eeshaa itti haleellaa raawwate seerumaan bituu isaa poolisiin Ameerikaa ibseera.

Poolisiin Ameerikaa, FBI, barataan aviyeeshinii Sa'uudi namoota ajjeesuf maaltu akka isa kakaase baruf yaalaa jira.

Qorattoonnii akka jedhanitti tarii kuni gocha shororkeessummaa ta'u danda'a.

Ajeechaan Pensaakolaatti raawwate walitti dhufeenya Yunaayitid Isteetiifi Sa'uudi yeroo dheeraaf ture gaaffii kaaseera.

Ameerikaan maal jette?

Komaandarri humna galaanaa Lewitinaant Komaandar Megaan Ayisaak BBC'tti akka himanitti Wiixataa eegale nageenyaaf jecha barattoonni aviyeeshinii Sa'uudi Arabiyaa akka hin balaliisne murtaa'eera.

Murteen kuni barattoota aviyeeshinii Sa'uudi Arabiyaa 303 buufatoota humna galaanaa Filooridaa keessa jiran 3 ni ilaalata.

Dubbii himaan Pentaagon Chaak Pirichaard akka hin balaliisne inni murtaa'e barattoota aviyeeshinii lammiilee Sa'uudi Arabiyaa Ameerikaa guutuu jiran, 852, ilaallata. ,

Qondaalli Pentaagon olaanaan CBS'ti akka himanitti taanaan leenjiin barattoota balalin akka hin leenjine dhorku kuni guyyoota 5 - 10 turuu danda'a.

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp sagantaa waraanaa biyyoota alaa walin biyyi isaanii qabdu akka keessa deebi'ani ilaalan dubbataniiru.