Shamarreen laguurra jirtu godoo keessatti duute jennaan soddaan hidhame

Shammrree godoo yeroo laguu Chhaupadi adda baatee teessu

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Poolisiin Neeppaal shamarree godoo yeroo laguun itti dhufu keessa turan keessatti duuteef abbaa warraa obboleetti ishee to'annoo jala oolcheera.

Parbaati Budaa Rawaat, shamarree ganna 21 yoo taatu godoo yeroo laguunshee dhufu qofaa keessa turtu keessatti, aara ibidda qaqqaammachuuf qabsiisteetu ukkaamsee ajjeesse

Gochaa dubartooti yeroo laguun itti dhufuufi erga dahanii booda qulqulluu miti jechuun qooduun seeraan erga dhorkamee booda namni to'annoo jala ooluun kun kan jalqabaati.

Yoo irratti murtaa'e hidhaa hanga ji'a sadiifi qarshii biyyichaa- ruuppiin 3,000 adabama.

Poolisiin naannichaa soddaa mucaa kanaa godoo qofaa keessa akka teesssuuf dirqisiiseera yoo taheef ni qoranna jedheera.

Aadaa Hindii waggooti dhibba lakkoofsiseen dubartoonni laguun yoo itti dhufe godoo keessa akka bulan, gosa nyaataa murtaa'aa akka hin tuqne, mi'oota amantii akka hin tuqne ni dhorkamu.

Godoon isaan akka keessa turan taasifaman baayyee qorraafi haleellaadhaaf saaxilamaa dha. Manicha keessatti ukkaamamuun yeroo baayyee kana mudatu yoo tahu, shamarreen tokko immoo bofaan hiddamtee duuteetti.

Neeppaal dubartoota yeroo laguu isaaniitti akkanatti qooduun bara 2005 kan dhorkite yoo tahu, 2017tti yakka taasisteetti. Haa tahu malee naannolee baadiyyaa muraasatti akkauma babal'ateen jira.

Bara kana qofa shamarran sadii ''godoo laguu keessatti du'aniiru, kunimmoo dubartii ijoolleeshee lama waliin godoo kana keessatti duute dabalata.

Rogeettiin Neeppaal Radha Poudel,''poolisiin akkanatti dafee tarkaanfii fudhachuun namoonni bartee kana akka kutan taasisa'' jechuun AFPtti himteetti.

''Haa tahu malee kana dhaabuuf karaaan dheeraatu hafa jetti.