MM Abiy fi Jaak Maan daldala elektroniksii addunyaa 'eWTP' Finfinneetti egalsiisan

Maxxanfame

Ministirri Mummee Abiy Ahimad, abbaa qabeenyaa lammii Chaayinaa Jaak Maa waliin ta'uun projektii mala daldalaa elektroniksii addunyaa (Electronic World trade platform eWTP) damee Itoophiyaa eegalsiisan.

Tekinooloojin kun dhaabbileen daldala xixiqqaa, dubartootni harka qalleeyyii fi dargaggootni omishaalee isaani haala salphaa ta'een gabaa addunyaarratti akka gurguratan kan dandeessisuudha jedhameera.

Jaak Maa affeerraa Ministira Mummee Abiy Ahimadin taasifameefin daawwii guyyoota lamaaf kaleessa galgala magaala Finfinnee seenan.

Giddugalli eWTP intarpiraayizoonni xixiqqaa fi giddugaleessaa Itoophiyaa keesaatti argaman omishaalee isaanii gara Chaayinaa akka ergan dabalataan bittaafi gurgurtaa tekinooloojin deeggarame akka adeemsisan isaan gargaara jedhameera.

Dabalataan tajaajila loojistikii fi humna nama leenji'ee akka argatan ni taasisas jedhameera.

"Yeroo lammaffaaf asitti argamuu kootti baay'ee gammadeera" kan jedhan Jaak Maa "Ministira Mummee Abiy walin waa'ee gabaa dijitaalaa, waa'ee dubartootaa fi dargaggootaa mari'anneea" jedhan.

"Nuti humna namaas ta'e carraa hin dhabne. Haala carraa hojii Itoophiyaa keessatti guddisuu dandeenyu irrattis mari'anneera" jechuun himan Jaak Maan.

Tekinoloojii kanaaf maalif Itoophiyaa akka filatan namootaan yeroo gaafataman "maalifan filachuu dhiisa jedheen deebiseef" jedhan abbaan qabeenyaa kun.

Tekinoloojin kun Afriikaan Awuroopaa fi Chaayinaa walin morkachuu akka dandessisu fi mala daldalaa irratti Itoophiyaa kessatti jijjiirama kan fidu ta'us himan.

"Afriikaan akka madda meeshaalee dheedhitti ilaalamaa turte amma garuu walitti hidhamiinsa idil addunyaa (globalisation) keessatti gaheeshee ni bahatti" jedhan.

Waliigalteen kun guddina diinagdee damee tekinoloojii dijitaalaa Itoophiyaaf tarkaanfi ijoo akka ta'e kan dubbatan immoo Ministira Mummee Abiy Ahimadi.

Ministirri mummee Abiy tekinoloojin kun dhaabbilen daldalaa xixiqqaa fi giddugaleessaa odeeffannoo akka argatan akkasumas bittoota idil addunyaa walin kallattin akka qunnaman kan dandeesisu ta'u dubbatan.

Dabalataan sochii omishaalee fi odeeffannoo si'ataa ta'e uumas jedhan.

Bara darbe MM Abiy biyya Chaayinaatti magaala Hangzhou keessatti kan argamu waajjira mummee dhaabbata Alibaabaa daawwatani turan.

Tajaajilli har'aa eebbiifamuun ifatti hojii eegale kunis tarsiimoo tiraansformeeshinii dijilaalii biyyattii kan deegaru ta'usaa fuula feesbuukii waajira MM irratti barreeffameera.

Dowwaannaan hojii fi walii galteen amma motummaa Itoophiyaa waliin kubaaniyichi raawwate kunis qaama affeerraa MM Abiy wayita Chaayinaa deemanii turaniitti Jaak Maadhaaf dhiyeessanii turanii akka ta'e baruun danda'ameera.

Alibaabaan dhaabbata guddaa gurgurtaa omishaalee gama toora intarneetii fi kalaqa tekinooloojii irratti hojjetudha.