Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Buuganviil addunyaaf biyya haaraa ta'uu dandeessii?
Oddoolawwan Papa Niw Ginii keessa tokko walabummaaf filannoo eegaluufi. Yoo bu'aan filannoon kana akka yaadametti ta'e Buuganviil biyyaa addunyaa ishee itti aantu ta'uu dandeessi?
Seenaan oddoola kanaa, sirna koloniin qisaasamuu, walabummaaaf yaalii taasisuu, waraana waggaa sagaliifi adeemsa gara nagaa of keessaa qaba.
Sanbata dhufu, boqonnaan haaraa ni eegalama, namootni 207,000 ta'an naannummaan ofiin of bulchuuf ykn amma walabummaaf filannoo ni eegalu.
Namootni kana hordofan %75 walabummaaf filatu jedhanii yaadu - filannoon garuu sadarkaa isa jalqabaadha.
Walabummaa maaliif barbaadu?
Maqaa qorataa Firaans jaarraa 18ffaatiin kan moggaafamtee oddolli kun jaarraa 19ffaatti kolonii Jarman jala galte.
Waraana Addunyaa Tokkooffaa hanga 1975tti Awustraaliyaatiin, Waraana Addunyaa Lammaffaatti ammoo yeroo gabaabaaf Jaappaaniin to'atamtee turte
Bara 1975tti yeroo Papa Niiw Giinii (PNG) walabummaashee argattetti, Buuganvil gammadduu taatus bulchiinsa tokko taate.
Kanaan durallee, akkuma PNG hundaa'eetti 'Rippliika Kaabaa Solomon" ta'uuf walabbummaa gaafatani tura. PNG fi Awustraaliyaan garuu dhimma itti hin kennine.
Gaaffiin walabummaa kun yeroo milkaa'uu hafetti, aariin babal'atee, bara 1988tti waraanni waggaa sagalii eegale.
Namootni 4000 hanga 20,000 ta'an ajjeefamaniiru jedhame tilmaamama.
Waaranni kun jaarsommii biyyooolii addunyaan bara 1997tti dhaabbatte. Bu'aan isaa Waligaltee Nagaa Buuganvil (BPA), 2005tti hundeefamma Mootummaa Of danda'a Buuganville fi waadaa rifarandamii walabummaaf hin dirqisiisne ta'e.
Sagalee kennuu kanaratti, namootni filannoo lama qabu: mootummaa of danda'u ykn walabummaa
Filannoon kun Sadaasa 23 fi Mudde 7 gidduutti gaggeefame bu'aan isaa dhuma Muddee keessa akka beeksifamu eegama.
Koomiishiniin Rifarandamii kanaa Ministira Muummee duraanii Ayeerlan Bertii Aherniin durfama.
Mootummaan gidduu galeessaa kanaan dura adeemsa rifarandamii kanaaf fandii kennuu didee ture, filannoon isaa akka nannichi biyyicha jala turtudha.
Onkololeessa keessa Ministirri mummee haaraa jeems Marape filannoon kun kan nama dirqisiisu akka hin taaneefi bu'aan filannichaa mootummaa PNG fi Buuganville jiddutti 'kan mari'atamu' ta'a jedhaniiru.
Yoo walabummaan kun milkaa'e -biyyi haaraa kun, bal'inaa lafaa km iskuweeri 10,000 gadiin biyya xiqqoo taati.
Akkuma kanas lakkoofsa uummata ishee addunyaa irraa isa xiqqaa keessa tokko ta'a.
Awustraliyaan 'waliigaltee irra ga'amu kamuu' nan simadha jettuus, Buuganvil garuu walabummaakoo hin barbaaddu amantaa jedhu qabdi.
Ameerikaa, Awustraaliyaa, Niiw Zilaand fi Jaappan rifarandamii kana maallaqaan gargaaraniiru.