Qabxii barnootaa, iddoo itti qo'atanii fi deggersa maatii-seensa yuunivarsitiif

Maxxanfame

Minjaala irratti hojjatan qabaachuun, qabxiin gaarii fi maatii abdachuun akkasumas mana barumsaatti gammadoo ta'uun wantoota barattoonni gara yuunivarsiitii akka deeman abdii horachiisan akka ta'e qorannoon ibseera.

Qorattoonni Kirooshiyaa wantoonni kunneen bal'inna kutaa, mana barumsaa, qabxii giddu galeessa yookiin naannoo fooyyee qabu irra barbaachisoo akka ta'an argataniiru.

Akkasumas wantoonni kunneen abdii horachiisuuf akka mana barumsaatti osoo hin taane tokkon tokkoon barataa irratti hojjatamuu qabu.

Qorannichi barattoota 1,000 irratti hojjatame.

Qorattoonni 'Institute for Social Research' kan Zagreeb keessatti argamutti barattoota 1,050 kan umuriin isaanii 13, 14 fi 15 ta'an manneen barnoota magaallattii 23 keessatti:

  • akka barnoota isaanii dhaabbilee barnootaa ol'aanoo keessatti itti fuufuu barbaadan
  • abdii maatiin isaanii itti horan
  • Abbaa fi haadha isaaniirraa gargaarsa barnootaa isaan argatan
  • Kutaa, kompiitara fi minjaala mataasaanii akka qaban
  • mana barumsaatti gammadoo akka ta'an gaafataniiru.

Qorattoonni qabxii barattootaa, bal'inna manneen barnootaa fi kutaalee, qabxii giddu galeessaa fi gatiin meeshaalee naannoo sanii odeeffannoo walitti qabaniiru.

Haaluma saniin wantoonni asii olitti eeraman sunneen barattoonni akka gara dhaabbilee barnoota ol'aanoo deeman keessatti dhiibbaa tokkollee akka hin qabne argataniiru.

Ta'us garuu wantoonni maatii fi jireenyaa manaa dhiibbaa akka qaban irra gahaniiru.

Saallis gaheesaa akka taphatuu irra gahaniiru. Kunis barattoota dhiiraa caalaa barattoonni dubraa akka dhaabbilee barnoota ol'aanoo galuu barbaadan mul'isa.

Ta'us garuu qabxiin barnoota ol'aanoo akka barattoonni dhaabbilee barnoota ol'aanoo keessa turan kan murteessudha.

Mana barnootaatti gammadoo ta'uunis dhiibaa mataasaa akka qabu agarsiiftuu kan biraa ture.

Gabaasni kun akka jedhuutti: "barattoonni amala dhuunfaa wal fakkaata qabu, ta'us garuu manneen barnootaa waa'ee dhaabbilee barnoota ol'aanoo eejjannoo wal fakkaataa qaban keessatti baratu."

"Argannoon dhiheenya kanaa akka mul'isutti maatiin ijoolleesaanii fedhii isaanii irratti hundaa'uunii fi haala mijataa uumuun akka isaanii hojii manasaanii fi barnootasaanii itti fuufan gochuurratti dhiibaa uumuu ni danda'u. Fakkeenyaaf minjaala irratti hojjatan yookiin qo'atan qopheessuufii fa'a.

"Jalqabaa hamma dhumaatti qaccarrii fi haalli barnootaa maatii fulduraa fi fedhii barattoota gara fulduraa hin murteessu."

"Waanni beekkamuu qabu garuu barattoonni baadiyaa fi magaalota xixiqqoo keessa jiraatan wantoonni fuldura isaanii murteessu garaagarummaa kan qabuudha. Haalli diinadgee fi haawaasummaa gad aanaas akka isaanii kaayyoo isaanii dhaabbilee barnoota ol'aanoo seenuu fi fedhii isaanii gama barnootaan milkeessuuf gufuu akka itti ta'a," jedhaniiru.