Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Viidiyoon poolisoonni Keeniyaa barataa mataa keessa wayita reeban mul'isu lammiilee dheekkamsise
Viidiyoon poolisoonni wayita barataa reeban mul'isu toora intarneetirratti erga qoodamaa turee lammilee Keeniyaa dheekkamsiise.
Poolisoonni afur barata tokko mataa keessa uleedhaan kan reeban fi mataarra ejjatan otoo qabanii hin deemiin dura ture.
Poolisoonni arfanuu ammatti adda baafamanii qabamuu hoogganaan poolisii biyyatti Hilarii Mutaambaayi himaniiru.
Poolisoonni Keeniyaa yeroo hunda gara jabummaan reebicha raawwachuun himatamu, haa ta'u malee Anga'oonni biyyatti himannaa kana haalu.
Anga'oonni biyyatti poolisoonni leenjii olaanaa qabuu jedhanii waakkatuuf.
Gartuun mirga namoomaaf falmu 'Human Rights Watch' wayita duula filannoo bara 2017 deeggartoota garee mormituu reebuu fi ajjeesuu himeera.
Ta'iin wixata darbee kun viidiyoon kan waraabame mormii Yuunvarsiitii Joomoo Keeniyaataa muummee Qonnaa fi Teekinoloojii magaalaa Naayiroobii cinaatti argamutti ture.
Poolisoonni naannichatti kan bobbaafaman barattootni hiriira mormiif bahuun tasgabbiin dhabamuu booda ture.
Viidiyoon reebicha kana mul'isu toora tiwitaraa irratti namoonni hashtag #StopPoliceBrutality jedhanii waliif qoodaa turan.
'waan qooddaniif galata qabdu'
''Reebicha gara jabummaan guutame barattootarratti raawwamu balaaleffachuu qabna. Adaraa waaqayyoo barataadha malee shororkeessaa miti ''jedhe jedhe barreesse Ispaan Kimutayi namni jedhamu toora tiwitarasaarratti.
''Barattoonni Yuunvarsiitii mormiif wayita bahan tarfaanfiin humnaa olii maaliif yeroo hundaa irratti fudhatamaa? jedhes gaaffii kaase barreesse.
Hoogganaan poolisii biyyatti eenyummaan poolisoota kanaa adda baafamuu fi to'atamuu himuun lammilee biyyatti biyyatti dhimmicha waliif qoodan turan hundaa galateeffatan.
Jalqabarratti ta'ii akka carraa mudate ta'uu ibsuun isaaniis ibsameera.
''Poolisoonni hundi mirga namoomaa akka kabajanii fi bilisummaa bu'uuraas akka eeganiif leenji'anii '' jedhanii dubbatan.