Mariin Kooriyaan Kaabaafi US alanaa wayi bu'aa fidaa laata?

Maxxanfame

Aanga'oonni US fi Koriyaa Kaabaa marii nikulaara adda kutanii ture deebiisanii eegaluuf Siwiidiin galaniiru.

Mariin kana dura Pirezidaanti Tiraampiifi pirezidaanitti Koriyaa Kaabaa Kim Joong un jidduutti taasifame waliigalte malee xumuramee ture.

Erga yeroo sanaatii asi, qaamooleen lamaanuu mariicha ni barbaadna jechaa turan illeen sochiin taasifame baayyee xiqaa ture.

Marii ammaa kunis Koriyaan Kaabaa shakkallii dhukaasa misaa'elaa taasiftee guyyoota muraasaan booda kan eegaleedha.

Misa'eelli galaanarraa dhukkaafame kunis Kooriyaan Kaabaa dandeettii daangaa isheen alatti dhukaasuuf qabdu kan mulliseedha jedhameera.

Kooriyaa kaabaa meeshaalee waraanaa misaa'elaa akka hinfayyadamneef Mana maree nageenya Motummoota gamtomanitiin (UN) dhorkamuun sagantaa nikulaara isheeratti ammoo US fi UN qoqqobbii taasisaniiru.

Mariin biyyoota lamaan jidduutti gaggeefamu kunis biyya Siwidiin odola Lidingo kan kaaba baha Magaalaa Istokholmiitti argamutti jedhameera.

Marichi maaliif amma gaggeefama?

Erga marii biyyoota lamaa jiduutti Hanoi tti gaggeefameen asitti waa hedduun ta'eera.

Amma garuu mariin eegalame kuni yeroo murteessaatti kan dhufe fakkaata- Mr Tiraampi biyya keessaa dhiibbaa cimaa keeessatti argama. Innis tarii himannaan irratti dhiyaachuun filannoo itti aanutti sagalee dhabu danda'a.

Koriyaan Kaabaas dhimma kana sirriitti bartee jirti. Wayita ammaa kanatti pirezidaantoota Ameerikaa kamiyyuu caalaa pirezidaanti Tiraamp irra waan gaarii argachu akka danda'an ni beeku.

"Gareen lamaanu hanga yeroon pirezidaantummaa itti aanu gaggeefamuutti yeroo Tiraampitti gahaa akka jiru ni hubatu,'' jechuun xinxaltoonni saiyaasaa kan BBCtti himan.

Maaltu eegama?

Marii Ameerikaafi Koriyaa Kaabaa jiduutti gaggeefamu timaamuun baayyee nama dhiba, jedhu qondaal gameessi Andray Abrahamian.

"Odeeffannoo muraasa argannuun marii biyyoota lamaan jidduutti gaggeefamu maal ta'u akka danda'u tilmaamuuf yaalaa jirra,'' jedhaniiru. Bulchiinsi Tiraampi fi kan Kooriyaa Kaabaas baayyee rakkisaa ta'u eeraniiru.

Kana duras mariin Hanoi bu'aa malee akkuma tasaatti adda galamuunsaa namoota hedduu dinqisiiseera. ergasiin boodas Tiraampiifi Kim jidduutti walgahii gabaabdu tokkotu daangaa Koriyaanotaarratti Waxabajjii keessa taasifame.

Mariin Hanoi sababiin itti adda citeefis Kooriyaa kaabaa akka qoqophaan irra kaa'ame waljalaan irraa ka'u kan gaafattee yoo ta'u Ameerikaan ammoo dursa tarkaanfiin omish nikulaaraa dhaabu inni guddaan taasifamu qabaata osoo qoqophichi hinka'iin jechuun waan cichiteef ture.

"Mariin ammaa kunis gama Ameerikaatiin trakaanfii wal jalaa jedhu sanarratti mari'achuuf fedhiin akka qabdu kan mullisuudha,'' jedhu Ms Lee waa'ee marii ammaa dubbatan.

haalli kunis kan Kooriyaan Kaabaa waggaa tokkoof gaafataa turteedha.

Ta'us Kooriyaan Kaabaa marii taasisuu irratti bulchiinsi Tiiraampi hangam badaa akka ta'ee tuffachu hinqabaattu.

''Koriyaan Kaabaa kan isaan karoorsanii caalaa Pirezidaantii Tiraampi deemuu ykn yeroo gabaabaa keessatti kan kufifamu ta'u yaadu qabaatu. Yeroon gabaabaadha.''