Addunyaa balaa jijiirama qilleensaarraa baraaruuf biyyoota gara garattii hiriirri ba'aama jira

Maxxanfame

Biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti dabalatee guutummaa addunyaarratti guyyaa har'aa namoonni balaa sababii jijjiirama haala qilleensaatiin addunyaatti dhufaa jirurraa baraaruuf hiriira mormii gaggeessaa jiru.

Warri Indii magaalota gara garaa keessatti hiriira mormii jijjiirama qilleensaa irratti gaggeeffamu isa guddaa jedhame gaggeessuutti jiru.

Magaalaan guddittiin biyyattii Delhiin sababa jijjiirma qilleensaan qilleensa summawaadhaan yeroo hedduu rukkutamaa turteetti. kanaaf, magalattii keessatti har'a hiriira gurguddaa lamatu eegama.

Barattoonniifi warreen quuqama naannoo qaban har'aaf qofa osoo hin taane torban dhufu hanga Fulbaana 27 itti fufuun akka morman eegama.

Haati ijoollee lamaa ammoo yaaddoo jijjiiramni qilleensaa uumaa jiru akkas jetti.

"Jijjiiramni haala qilleensaa ijoolleekoo umuriin isaanii waggaa shanifi saddetti ta;'aniif jireenya isaanii gara fuula duraatti maal akka ta'e maree ijoo yeroo hirbaata galgalaaf dhiyaannuudha.

Ijoolleenkoo yeroo hunda yeroon waa bitachuuf gara gabaa deemu akkan qabee huccuu malee kan pilaastikaa hin fayyadamne na yaadachisu. Keessumaa intallikoo akka pilaastika hin fayyadamne gaafattee mirkaneeffatti."

Intalli dubartii kanaa yeroo tokkos turistii qaruuraa pilaastikaa nama fayyadamaa bakkeerrati gate tokko waliin wal lolteetti. Nama sanatti pilaastika ati bakkeetti gatte kun gara galaanaatti makamee doolfiniifi qurxummii ajjeessuu danda'a jechuun itti himte.

Magaalaa walakkaa Landan keessatti kanneen hiriira ba'an keessattis ijoolleen ni argamu.

Hiriirra jijjiirama qilleensaan yaaddoo dhufaa jiru xiqqeessuuf tarkaanfiin feesisu fudhatamuu akka qabu gaafatu kun guutummaa Awurooppaatti Jimaata kana kan eegamudha.

Awustriraaliyaa keessattis namoonni barreeffama ergaa gara garaa qabuufi hasxaawwan adda addaan faayamanii daandiitti bahuun mormii dhageessisaa jiru.

Itoophiyaan ammoo hojiiwwan rakkaa jijjiirama haala qilleensaa dura dhaabbachuuf gargaara jedhaman keessaa biqiltuun biliyoonotaan tibba Gannaa bara kana duulaan dhaabamee adda durummaan heerama.

Akkasumalleen fayyadam pilaastikaa dhorkuudhaafis seera tolfachaa jiraachuun dhaga'ameera.