Sirba Goobee: 'Dullattiin gaanfa qaratte, adaraa gaafa dhalattee'

Ibsa waa'ee viidiyoo, Sirba Goobee: 'Dullattiin gaanfa qaratte, adaraa gaafa dhalattee'
Maxxanfame

Sirbi Goobee kan namootni lubbuun jiraatan barri haaraan bara nagaa akka ta'uuf ittiin wal eebbisan fi namoota du'aan boqatanii gara bara haaraatti hin ceene kan ittin mararfatanidha jedhu.

Goobeen sirba wayita birraan bari'u sirbamu yoo ta'u jechi Goobee jedhu sirbichas, dargaggoota gareen sirban waamuufis ni ta'a.