Qormaata Biyyaalessaa Itoophiyaa: Murteen qabxii seensa yuunivarsitii barattoota wal caalchisaa?

Maxxanfame

Qabxiin seensa yuunivarsitii bara kanaa gosoota barnoota 4 barattoonni guyyaa jalqabaa lamaan qoraman qofaan akka murtaa'u Ministeerri barnootaa murteesseera.

Barattoonni Kamisaa fi Jimaata erga qoramanii booda Sambata lamaan boqotanii Wiixataa fi Kibxataa itti deebi'an.

Gosootni qormaataa boqonnaa irraa erga deebi'anii booda qoraman irratti qabxiin daran waan ol ka'eef gosoota barnootaa guyyaa lamaan jalqabaa qofaan akka murtaa'u kan ta'e.

Rakkoon nu mudate hamaa waan ta'eef yaadotni furmaataa hedduun erga dhiyaatanii booda kan caalaatti fooyyee qabu kana ta'ee waan argameef kuni murtaa'uu Direektarri Itti Aanaa Eejansii Qormaataa Biyyaalessaa Dr Zarihun Dureessaa BBC'tti himaniiru.

Haa ta'u malee murtee kanarratti barattoonni komii adda addaa kasan hin dhabamne.

"Barataan gosa barnoota amma ilaalaman kana caalaatti qo'atee qabxii gaarii qabu fayyadamuu danda'a, kan gosa barnootaa haqaman caalaatti hojjete ammoo ni miidhama," jedha barataan BBC'n dubbise.

Dr Zarihuun garuu yaada furmaataa dhiyaatan keessaa haala wal qixa ta'een barattoota madaaluu kan dandeessisu kanadha jedhan.

"Barattoonni qabxiin isaanii yoo gadi bu'es, yoo ol ka'es waluma qixa, barataa wal hin caalchisu."

"Afaan Ingilizii, Herreega, Aptiitiyuudii fi Fiiziksii ykn Ji'oogiraafiin yoo madaalaman, akkuma biyyaattu ammuma hojjetan gahu jechaadha," jedhu.

Lakkoofsi barattoota qabxiin isaanii daran olka'e osoo beekamuu, kan isaanii qofaatti maaf hin ilaalamne gaaffiin jedhu komii biraati.

Kana akka furmaataatti ilaallee turre kan jedhan Dr Zarihuun, murteen amma fudhatame fooyyee ta'ee argameera jedhan.

Barattoota qabxiin isaanii daran olka'e adda baasuuf daangaan qabxii hin jiru jedhu.

"Fakkeenyaaf barataan tokko 75 yoo fide hateera moo hin hanne kan jedhu murteessuuf rakkisaadha, warra dhibba dhibba fidan qofa adabanii dhiisuun hin danda'amu," jedhan.

Gosoota barnoota afran guyyaa lamaan jalqabaa qoramaniin madaaluun qajeelfama saayinsawaa hin faallessu, barattoota hunda qixa madaaluufis fooyya'aa ta'ee argameera jedhan.

Murtee kana Biirooleen naannoo armaan dura komii dhiyeessaa turan itti waliigalaniiru kan jedhan Dr Zarihun salphaatti murtee kanarra hin gaahamne jedhu.

"Kuniyyuu kan ta'e qabsoo meeqaani, naannolee kam keessattiyyuu wal caalmaan akka hin argamneef kuni murtaa'e" jedhu.

Barattoota yuunivarsiitiitti ramaduun waan gaheef, ammatti rakkoo kanaaf furmaata lachuuf qofa dursi kenname, haa ta'u malee murtee kana qofaan hin dhaabbatu jedhu.

"Mana barumsaa eessaatti akkas ta'e, maaliif akkas ta'e, eenyutu akkas godhe kan jedhu erga qulqullaa'ee booda tarkaanfiin dabalataa fudhatamu ni jiraata," jedhu.

Kunis ta'ee barataan komii qabu yoo jiraate, inuma qorannaa dabalataaf kan nu gargaaru waan ta'eef gama marsariitii ykn ammoo biiroo dhufe dhiyeeffachuu danda'a jedhan.

"Akka kana duraa wanti dhokatee hafu jiraachuu hin qabu, loogiin jiraachuu hin qabu, biyya kana keessatti lammiin hunduu seera wal qixa ta'een ilaalamuu qaba," jedhan.

Murtoo amma kennametti uummati hanga ta'e kan garaa ciibsate jira kan jedhan Dr Zarihun koreen MM Abiy Ahimad ofii isaanii hundeessan qorannoo isaa xumuree gaafa abbaan rakkoo kana adda baafamee tarkaanfiin irratti fudhatamu uummati guutummaatti deebii argata jedhan.