Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
6174: Iccitii herregaa waggoota kurna torbaaf ogeeyyii malaalchise
Mee lakkofsa kana ilaali: 6174. Battala jalqabaa wayita argitu waan dhugaa sitti hin fakkaatu, garuu erga bara 1949tii ogeeyyiin herregaa fi namoonni lakkoofsa jaal'atan isa baruuf hedduu dhama'an.
Maaliif? Mee dhugaa nama raaju kana adda baafadhu, achumaanis of ilaali:
- Lakkoofsa dijiitii afurii kan feete filadhu, yoo xiqqaate dijiitiin lama kan wal hin fakkaanne (zeeroo dabalatee). Fakkeenyaaf 1234
- Lakkoofsa guddaa irraa gara xiqqaatti toora galchi: 4321
- Ammammoo, lakkoofsa kana deebisii xiqqaarraa gara guddaatti tooraan kaa'i: 1234
- Isa guddaarraa isa xiqqaa hir'isi: 4321 - 1234
- Amma bu'aa argatte akkaataa ajaja lakkoofsa 2, 3, fi 4 irra deebi'i.
Mee waliin haa hojjennu
- 4321 - 1234 = 3087
- Guddaa gara xiqqaatti: 8730
- xiqqaa irraa gara guddaatti: 0378
- Xiqqaa guddaarraa hir'isi: 8730 - 0378 = 8352
- Gulantaawwan keessa dabarre kana irra haa deebinu
Kanaaf, lakkoofsa 8352n yoo hojjennu
- 8532 - 2358 = 6174
Ammas gulantaa sadan keessa dabarre lakkoofsa 6174 fayyadamnee irra haa deebinu
- 7641 - 1467 = 6174
Akkuma argitan kanaan booda irra deebi'uu hin barbaachisu, kanaan booda lakkoofsa 6174 qofa argattu waan ta'eef jechuudha.
Kun akka carraa walirra bu'e jettanii kan yaaddan yoo ta'e lakkoofsa kan biraa fudhaa yaalaa. Mee 2005 haa fudhannu.
- 5200 - 0025 = 5175
- 7551 - 1557 = 5994
- 9954 - 4599 = 5355
- 5553 - 3555 = 1998
- 9981 - 1899 = 8082
- 8820 - 0288 = 8532
- 8532 - 2358 = 6174
- 7641 - 1467 = 6174
Akkuma argitan lakkoofsa abbaa dijiitii afurii kan feetan yoo fudhattanii yaaltan gulantaa torbaffaarratti kan argattan bu'aa walfakkaataadha. Malli kun 'Kaprekar's constant' jedhamee beekama.
Kaprekar's constant
Ogeessi Herregaa lammii Indiyaa bara 1905-1986tti jiraatee fi Yuuniversitii Mumbaayi keessatti barate Dattatreya Ramchandra Kaprekar bara 1949 argannoo herregaa kana addunyaaf gumaache.
Ijoolummaasaarraa kaasee lakkoofsaan taphachuun araada isaa akka ture kan dubbatamu Kaprekar ''ormi dhugaatiirraa wayita gammachuu argatu kiyyammoo lakkofsarraati'' jedhee ture.
Magaalaa keessatti mana barumsaa argamutti barsiisaa kan ture Kaprekar argannoonsaa kun jalqaba tuffatamee ture, boodarra garuu ogeeyyii herregaa ajaa'ibsiiseera.
Barruulee adda addaa waa'ee lakkoofsaa fi herregaa irratti barreessuun kan beekamu Kaprekar wayita waa'ee argannoosaa kana addunyaa hubachiisaa dhufetti fudhatama argateera.
Erga fudhatama aragtees walga'iiwwan adda addaarratti akka waa'ee argannoosaa irrati ibsa kennuf affeeramaa ture.
Argannoo Kaprekar fi har'a...
Hojiin Kaprekar suduudaan addunyaarratti beekamaa dhufe, namoonnis waa'ee argannoosaarratti barreessuu eegalan.
Barreessaa beekamaan Ameerkaa bara 1970 keessa waa'ee argannoo Kaprekar barruu 'Scientific America' jedhamurratti baasee ture.
Har'a lakkoofsa Kaprekar kanaan ogeeyyiin herregaa fi jaal'attoon isaa ittin bohaaru, hedduun waan ajaayibaa hojjechuusaa dhugaa ba'uuf.
Yuuniversitii Osaakaa keessatti Pirofeesara kan ta'an Yutaka Nishiyama ''Dhugaadhumatti lakkoofsi 6174 iccitii nama ajaayibu of keessaa kan qabuudha'' jedhan.
Lakkoofsi djiitii afurii haala kanaan dhumarratti gulantaa torbaffaarratti 6174 dhufa kan jedhan Pirofeesar Yutaka Nishiyama namni dhumarratti lakkoofsa kana hin arganne gulantaa irratti dogoggore qaba jedhan.
Lakkoofsa iccitii kan biraa
Tari akka carraa lakkoofsonni biraan haala addaan bu'aa akkanaa argamsiisan hin jiranii jettee yoo gaafatte, dhibbaa dhibbatti deebii hin qabnu.
Garuu haalli hojii Kaprekar waliin walfakkaatu jiraachuu mala, fakkeenyaaf abbaa dijiitii sadii fudhannee yaaluu dandeenya.
Mee kana haa ilaallu. Lakkoofsa dijiitii sadii abbaa feetan fudhaa yaalaa. Fakkeenyaaf 574:
- 754 - 457 = 297
- 972 - 279 = 693
- 963 - 369 = 594
- 954 - 459 = 495
- 954 - 459 = 495
Haala kanaanimmoo yeroo hunda lakkofsa 495 arganna.
Ogeeyyiin herregaa akka jedhanitti lakkoofsi haala kanaan argamu dijiitii sadi ykn afur qofarratti hojjeta, garuu kan yaalan dijiitiiwwan lamaa hanga 10 irratti oqfaadha.
Herrega bashannanaaf
Argannoon Kaprkar kan biraana ammoo lakkofsa tokko yeroo mataasaatiin baay'iftu bu'aa argatte lamatti qooddee walitti idaatee lakkoofsa jalqabaa akkaataa ittiin argattuudha.
Fakkeenyaaf:
- 297² = 88,209
- 88 + 209 = 297
Yeroo baay'ee bu'aa argannu lakoofsa dijiitii walqixaatti qooduu qabana(Fakkeenyaaf dijiitii tokko ida'uu dijiitii tokkoo, dijiitii lama ida'uu dijiitii lamaa...)
Wayita lakkoofsi dijiitii kopxii ta'u ammoo ,akka fakkeenya armaan olii kana, dijiitii jalqabaa sadi ida'uu dijiitii lamaa goona(88,209). 88+209 jechuudha.