Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoon daandii xiyyaaraa Firaansi balaliinsa UK danqe
Rakkoon tiraafika daandii qilleensaa Firaansi mudate balaliinsa xiyyaara UK gufachiisaa jira.
Daandiin Qilleensaa Biriteen akka jedhutti addaan ciccituun quunnamtii sarara qilleensaa kanarraa kan ka'e xiyyaara gara Firaansi fi Ispeen bobbaasuun isa dhibeera.
Dhaabbati tajaajila balaliinsa xiyyaaraa kennu kan magaalaa Landan buufate 'Easyjet' jedhamu sababa to'annoon tiraafikaa daandii qilleensaa Firaansi addaan citeen akka gufate dursee gabaaseera.
Buufati Xiyyaaraa Paaaris rakkoon siistama kompiyuutaraa mudate amma furmaata argataa jira jechuun twitter irratti barreesseera.
Garuu balaliinsi addaan cituun ykn si'ataa ta'uu dhabuun ammallee itti fufa jedheera.
Balaliinsi hagamii akka gufate lakkoofsaan akka hin beekne kan ibse Tajaajilli Tiraafika Daandii Qilleensaa Biyyaalesaa Firaansi garuu daandii qilleensaa UK jiru waliin waltaanee daandiin qilleensaa akka hin danqamne hojjechaa jirra jedheera.
Imaltoonni akka karaarratti hin danqamneef dursanii haala daandiin xiyyaaraa keessa jiru adda baasuu qabu jedha Buufati xiyyaaraa Gaatwiich.
Yoo tikeetii xiyyaara balaliinsi duraa danqamee kutatanii rakkoo keessa seenana daandii Qilleensaa Biriiteen maallaqa kan hin deebisneefi rakkoo dhalatuuf kan itti hin gaafatamne ta'uus ibseera Daandii Qilleensaa kun.
Balaliinsa haqee fi haala jiru adda baase akka ibsu 'Easyjet' beeksiseera.