Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Facebook' abbaafi ilma ganna 30'f gargar bahan walitti deebise
Eedsan Saandarsan waa'ee ijoollummaa isaa wanti yaadatu harmee isaa fi Obboleessa quxisuu isaa ta'e Emarsan waliin gara magaalaa Biraazil Saa'oo Pooloo baasiin wayita imaludha.
Harmeen isaanii ijoollee lamaan fudhattee abbaa isaanii gattee magaalaa Sonooraa jedhamtu irraa gara Saa'oo Pooloo kutte.
Abbaa isaanii waliin haala kanaan kan gargar bahe Eedsan yeroos ganna 30 oliif abbaa isaa osoo hin argiin akka turu hin barre.
Eebla bara 2019 iyyannoo karaa 'Facebook' maxxanfameen abbaa isaan walitti deebi'aniiru.
Eedsan fi obboleessi isaa quxisuu (maandhaa) erga harmee isaanii waliin Saa'oo Pooloo gahanii booda maaltu akka ta'e hin yaadatani.
Eedsan wanti yaadatu haati isaa isa gattee ijoollummaa isaa garii daandii irra garii ammoo iddoo daa'imman maatii hin qabne keessatti guddatan keessa jiraate.
Obboleessa isaa waliin kana gidduutti gargar bahanii quba wal dhaban.
Bara 1988 maatiin tokko UK irraa dhufee guddifachaan garas isa fudhate.
"Ganama tokko maatii barbaaddaa jedhanii na gaafatan, eeyyeen jedheen, achii booda namicha guddaa tokkotti na kennan, fiigee miila isaatti maramuukoo qofan yaadadha," jedha Eedsan.
Eedsan osooma itti hin yaadiin biyya haaraa, maatii haaraa fi afaan haaraa baruun irra jiraatu keessatti of arge.
Maatiin Eedsan gudifatan warri Saandarsan, isa qofa osoo hin taane mucaa biraa Kileevarsan jedhamus guddifatanii turan.
Yeroo duraa haala qilleensaafi nyaata biyya UK jibbee akka tureefi booda suuta akka itti bare dubbata Eedsan.
Umurii isaa ganna 18 irraa eegalee maatii dhaloota isaa barbaaduu kan eegale Eedsan hin milkaa'iin waggoota dheeraa ture.
Erga bultii ijaaree ijoollee horatee booda fedhiin maatii dhalootaa isaa baruu daranuu dabale.
Humna marsaaleen hawaasaa qaban kan hubatte haati warraa isaa Kaatiriin Mudde bara 2018 dhimmicha 'Facebook' irratti baaste. Sunis bu'aa buuse.
Suuraa Eedsan barreeffama odeeffannoo waa'ee maatii isaa biyya Biraazil ofirraa qabu qabatee ka'e ture kan 'Facebook' irratti maxxansite.
Saffisni suuraankun ittiin tamsa'eefi namootni hedduun waliif qoodaa turan kanisaan yaadaniin ol ture.
"Sa'aatii 24 gidduutti, 'kunoo abbaa kee waliin taa'een jira' ergaan jedhu intala abbeera kiyyaarra na qaqqabe" jedha Eedsan.
Hojjetaa qonna shankooraa kan tauran abbaan Eedsan fi Emarsan, waa'ee ijoollee isaanii abdii kutanii itti dhiisanii akka turan himu.
Haati warraa isaanii dhiira biraaf jecha ijollee jalaa fudhattee gattee akka deemte dubbatu Obbo Anaaniyaas.
Yeroos ijoollee isaanii barbaacha duuka bu'anii akka tureefi argachuu garuu waan hin dandeenyeef abdii kutanii itti dhiisan.
Ganna 30 ol booda yeroo waan Eedsan 'Facebook' irratti barreesse yoo dhagahan, 'akka haaraatti waanan reef abbaa ta'e natti fakkaate' jedhan.
Jarri lamaan gaaf wal argan gammachuu guddaan walitti maramani.
Abbaan xiqqoo dhukkubsachaa waan turaniif abbaa fi ilma ta'uun isaanii qorannoo DNA'n hanga mirkanaa'utti hin turre.
Dursanii wal arguuf murteessanii, yeroo gabaabaa jidduuttis hariiroo abbaa fi ilmaa jabaa ta'e uummatan.
Eedsan abbaa isaa argatullee obboleessi isaa achi buuteen isaa waan hin baramneef gammachuun isaa guutuu hin taane.
Harmee isaa Saa'oo Pooloo keessa jiraattu barbaachisee argatullee fedhii dhabuushee dubbata.
Bilbilaan maaltu akka ta'ee fi maaliif akka isaan gatte, obboleessi isaa eessa akka jiru gaafannaanis homaa akka hin yaadanne natti himte jedha.
Harmee isaatti muffii qabaatullee, obboleessa isaa barbaaduu itti fufeera.
Ananiyaas abbaa isaa ta'uun bodarraa qorannoo DNA'n mirkanaa'ullee gammachuun isaanii baay'ee hin bubbulle. Waxabajjii keessa abbaan isaa boqotan.
Abbaa isaa barbaaduun murtee sirrii bara jireenyasaa murteesse keessaa tokko ta'uu dubbata. Maatii isa guddisaniif ammoo galata guddaa qaba.