Haleellaa Teeksaasiin namoonni shan ajjeefaman

Madda suuraa, AFP
Ameerkaa magaalaa Teeksaas keessatti haleellaa hidhataa tokkoon raawwatameen namoonni shan ajjeefamanii 20 kan caalan madaa'an.
Haleellaan akkanaa magaalaa Teeksaas keessatti ji'a tokko keessatti yeroo lammaffaaf raawwate.
Hidhataan kun jalqaba magaalota Miidlaandi fi Odessa gidduutti wayita poolisoonni konkolaataasaa dhaabsisan dhukaasa banee poolisii tokko ajjeese.
Isa booda doqdoqqeewwanii fi konkolaattota keessatti namoota karaa deeman haleeluu eegale.
Wayita ta'ettimmoo konkolaataasaa dhiisee konkolataa biraa keessa seenee dhukaasa itti fufe.
Boodarra poolisiidhaan ajjeefame.
Namni bifa adii umuriin isaa waggaa 30 keessa ta'e kun kaayyoon maal akka ta'e ifa miti.
Torbanuma afur dura magaalaa Teeksaas iddoo El paasoo jedhamutti namoonni 22 hidhattootaan ajjeefamaniiru.
Namoota karaarratti hidhataa kanaan dararaman keessa daa'imman umurii waggaa lamaa gadiifaa keessa jru.
Aanga'oonni magaalattii gocha gara jabinaan raawwatame kana irratti xiyyeeffachuun yoo hin hojjetin jiruu fi jireenya hawaasaa yaaddoo keessa galaa jira jedhan.
Pirezidaantiin Ameerkaa Doonaaldi Tiraampi oduu kana erga dhaga'anii booda yaada isaanii twitter irratti barreessaniin hooggantoota paartii lameenuu, Dimokiraatik fi Rippaabilikaan, waliin ajjeechaa jumlaa biyyattii keessatti heddummaataa jiru kana dhaabsisuuf akka hojjetan ibsaniiru.













